عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Hud [Hud] - Oromo translation

Surah Hud [Hud] Ayah 123 Location Maccah Number 11

Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi.

“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha

“Gooftaa keessan araarama kadhadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa,qananii bareedaa isin qanansiisa, hanga beellama beekamaatti. Abbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte). Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.

Lubbu qabeeyyiin dachii keessatti tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee hin taane. Iddoo qubannoota isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira.

Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii ishee isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara). Dhugumatti inni akkaan abdii murataa, akkaan kafaraadha.

Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwan narraa deeme” jedha. Dhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.

Garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.

“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? jedhiin "suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii,“yoo kan dhugaa dubbattan taatan.

Yoo isaan isiniif hin awwaatin, beekaa inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre. Sila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).

Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaalee isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.

Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanu. Ahzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati. Isa irraa shakkii keessatti hin ta’in. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.

Warri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.

Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?

Yaa ummata kiyya! (adabbii) Rabbii jalaa eenyu na baraarsa? Yoo ani isaan ari’e. Sila hin gorfamtanuu?

Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu. Gaybii (wanta fagoo) hin beeku. Ani maleeykaa dhas isiniin hin jedhu. Isaannan ijoonni keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhu. Rabbiin waan lubbuulee isaanii keessa jiru irra beekaadha. Yoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi”

[Isaan] nijedhan “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormiiwwan keenyas baay’essitee jirta. waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi, Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate”.

Nijedhe "Isa kan isinitti fidu Rabbuma qofa Yoo fedhe. (ni ariifachiisa) Isin dadhabsiisoo hin taane”.

Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu?. jedhi “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jira, Ani badii isin hojjattan irraa qulquulluudha”.

Gara Nuuhitti (akkana jechuun) beeksisa godhame: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu; Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin.

Doonis laalchota (tika) keenyaafi beeysisa keenyaan hojjadhu. Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin. isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”

Innis (Nuuh) doonii hojjata (ture), Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishnitanis nutis akkuma isin qishnitan isinitti qishinuuf jirra.

Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenne, Isa waliin namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.

Nijedhe ishee yaabbadhaa “Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een. Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.

(Ilmi isaa) ni jedhe: “Ani gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuh) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii jalaa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee” . Danbaliin gidduu isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.

Ni jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte. Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”

Nuuh Gooftaa isaatti lallabee, nijedhe “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan kee dhugaadha. Ati irra haqa murteessaa abbootii murtiiti”.

(Nuuh) nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a”.

Nijedhame “Yaa Nuuh nageenyaa Nurraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) gadi bu’i. (Sanyii isaanii irraas) ummata yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin laalesaan isaan tuqutu jira”.

Gara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra). Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Gabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiru. Isin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane.

Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taane. Sila isin hin xiinxaltanii?

Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isinirratti ergaa. Humna keessan irratti humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”

Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu. (Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.

Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala huda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.

Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.

Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”

(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kenne, yoo ani Isatti dilaaye Rabbiin jalaa eenyutu na tumsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.

Yaa ummata kiyya! Isheen tun gaala Rabbiiti, isiniif mallattoodha. Dachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa. (Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”

Ishee ni waraanan, Inni nijedhe “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aa. Kun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha”.

Yeroma ajajni keenya dhufe, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine). Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.

Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabatee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) tahanii bariisifatan.

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiru. Dhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u!

Dhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufan, nijedhan “nagaa (sirratti buufna)” Innis nijedhe “nagaan (isin irra haa jiraatu)”. Odoo hin turre jibicha waadamaan dhufe.

Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu da'aa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”

Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras gocha fokkataa kan hojjatanu turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan)isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessatti na hin xiqqeessinaa. Sila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”

Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu nibeekta.”

Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara lammii jabduu hirkadhee (isinin adaba ture).”

(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi, Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. Dhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadha. Beellamni isaaniis bariidha. Sila bariin dhihoo mitii?”

(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine), Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.

Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) nijedhe “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Safaraafi madaala hin hir’isinaa, Ani qabeenya keessattin isin argaara, Dhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha.

Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa), Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhu, Ani hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhu, Haqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taane, Isa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.

Gooftaa keessan araarama kadhaa, Ergasii gara Isaa deebi’aa, Dhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”

nijedhan “Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu, Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina, Odoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turre, Ati nurratti jabaa miti”.

Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootan, Dhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u.

Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.

Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman).

Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabame, Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, Dhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.

Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), Daangaas hin dabrinaa, Dhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.

Gooftaan kee magaalaa kamillee,miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatu ta’anii jiranuu.

Nama Gooftaan kee rahmata godheef malee (waldhabuu irraa hin deman), Kanumaaf isaan uume. Jechi Gooftaa keetii guutamteetti “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta”.