عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Thunder [Ar-Rad] - Oromo translation - Gali Ababor - Ayah 33

Surah The Thunder [Ar-Rad] Ayah 43 Location Maccah Number 13

أَفَمَنۡ هُوَ قَآئِمٌ عَلَىٰ كُلِّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡۗ وَجَعَلُواْ لِلَّهِ شُرَكَآءَ قُلۡ سَمُّوهُمۡۚ أَمۡ تُنَبِّـُٔونَهُۥ بِمَا لَا يَعۡلَمُ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَم بِظَٰهِرٖ مِّنَ ٱلۡقَوۡلِۗ بَلۡ زُيِّنَ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ مَكۡرُهُمۡ وَصُدُّواْ عَنِ ٱلسَّبِيلِۗ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٖ [٣٣]

Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?). Isaan Rabbiif hiriyoota (shariikoowwan) taasisan. jedhi “Isaan maqaa dhahaa”. Sila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)? ”Dhugumatti isaan kafaraniif shirri isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraa deebifamaniiru. Nama Rabbiin isa jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.