عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Abraham [Ibrahim] - Oromo translation

Surah Abraham [Ibrahim] Ayah 52 Location Maccah Number 14

Alif Laam Raa (Inni) kitaaba gara keetti isa buufneedha. akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf.

Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedha. Badiin azaaba cimaa irraa ta’e kaafirootaaf ta’eera.

Nuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan ergine “Ummata kee dukkanoowwan irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun. Dhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira.

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu] :“Ni’imaa Rabbii kan isin irratti tahe yaadadhaa. kan yeroo ummata Fir’awni irraa isin baraarse, kan adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan akka jiraatan dhiisan, Kana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabala. yoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa).

Muusaan nijedhe Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran hundi kafartan (Rabbiin homaa hin miitan) dhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha.

Sila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harkoowwan isaanii afaanoowwan isaanii keessatti deebisani “Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirra. Ammas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan.

Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin nijedhan “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhan. Rabbiin isaanii “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe.

“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifna. Kun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”

(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadan. (gargaarsa ni argatan) Of tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e.

Liqimsuuf yaala; gadi isa liqimsuutti hin dhiyaatu (hin danda’u). Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufa. Inni kan du’uu miti. Fuuldura isaa azaaba guddaa ta’etu jira.

Sila akkamitti akka Rabbiin fakkeenya godhe hin arginee? jechi gaariin akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee, dameen ishee samii keessatti ta’eetti.

Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan. “(yeroo xiqqoof) qanani’aa Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaati” jedhiin.

(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin jedhi “salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa) odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura”.

Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenne. qananii Rabbii odoo lakkooftani ishee fixuu hin dandeessanu. Dhugumatti, namni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha.

Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhi. Ilmaan kiyya irraas (akkasuma). Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.

Gooftaa keenya! naaf araarami, haadhaafi abbaa kiyyaafis mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu (guyyaa qiyaamaa) san.

(Gara waamichaatti) daddafoodha, mataalee isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati), Ijji isaanii gara isaaniitti hin deebi'u, Qalbiileen isaaniis duwwaadha.

Ilma namaa akeekkachiis guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan nijedhan “Gooftaa keenya! hanga beellama dhihootti booda nu aansi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna”. (isaaniin jedhama) “Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi isiniif hinjirurratti kakachaa hin turree?

(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiru. Malli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jira. Tooftaan isaanii kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti.

Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadin. Dhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati.

Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiileenis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu].

Guyyaa san badii hojjattoota sakaallaalee keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita.

Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyi. Ibiddi fuula isaanii ni haguugdi.

Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe). Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha.

(Qur’aanni) kun ergaa gayaa ilma namaati, akka ittiin akeekkachiifamanuuf, Inni (Rabbiin) gabbaramaa haqaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif.