The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Bee [An-Nahl] - Oromo translation
Surah The Bee [An-Nahl] Ayah 128 Location Maccah Number 16
Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin jarjarfatinaa, (Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera.
Maleeykota wahyiidhaan eeyyama Isaatiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa, “(kaafiroota adabaan) akeekkachiisaa, Dubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa).
Samiifi dachii dhugaadhaan uumeera, Inni waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’eera.
Bishaan hormaataa xiqqoo irraa nama uume, Yoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha.
Beyladas isiniif ishee uume. Isaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira. Ishee irraa ni nyaattus.
Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira.
Ba’aa keessan ulfaataa gara biyya isin ifaajee (rakkina) lubbuuleetiin malee isa gahoo hin taaneetti baadhatti. Dhugumatti, Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.
Farda, gaangewwaniifi harrootas akka yaabbattaniifi miidhaginaaf jecha (isiniif uume), Wantoota isin hin beeknes ni uuma.
(Tola isaatiin) karaa qajeelaa ibsuun Rabbuma irra jira. Ishee irraa jallaatu jira. (Rabbiin) odoo fedhee hunda keessan isin qajeelcha ture.
Inni Isa samii irraa bishaan buuse. Isiniif isa irraa dhugaatiitu jira. Isa irraas muka isin ishee keessatti (beyladoota) tikfattantu (marga).
Isaan sanyii midhaanii, Zeytuuna, mukkeen Timiraa, Inaboowwaniifi fuduraalee hunda irraa isiniif magarsa. Dhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattootu jira.
Halkan, guyyaa, aduufi ji’as isiniif laaffise. Urjiiwwanis ajaja Isaatiin laaffifamoodha. Dhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattooleetu jira.
Bifti isaanii adda adda ta’ee wantoota dachii keessatti isiniif uumes (isiniif laaffise). Dhugumatti, kana keessa namoota gorfamaniif mallattootu jira.
Inni Isa galaana isiniif laaffise akka isa irraa foon haarawa nyaattaniifi faaya ishee uffattanis isa irraa baafattaniif jecha. Dooniwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) argita. Akka tola isaa irraa barbaaddaniifi akka galateeffattaniif jecha (kana godhe).
Gaarreen akka isiniin hin sochooneef dachii keessatti godhe. Laggeeniifi karaalees akka qajeeltaniif (godhe).
Mallattoolees (isiniif godhe). Urjiidhaan isaan (karaa) qajeelu.
Sila Inni (waan hunda) uumu akka isa (waan tokkos) hin uumneetii? Sila isin hin gorfamtanuu?
Tola Rabbii yoo lakkooftan ishee waliin gahuu hin dandeessanu. Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Rabbiin waan isin gadi qabattaniifi waan ol qabattanis ni beeka.
Warri isaan Rabbii gaditti gabbaranu homaa hin uumanu. Isaanumtuu ni uumamu.
(Isaan) du’aawwan jiraataa hin taaneedha. Yoom akka kaafamaniis hin beekanu.
Dhugumatti gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha. Isaan Aakhiraatti hin amanne, onneewwan isaanii (tokkichummaa Rabbii) mormituudha; isaan boontota.
Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul’isanis beekaa ta’uutti shakkiin hin jiru. Inni boontota hin jaallatu.
Yeroo “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse” isaaniin jedhame, “(inni) afoola (ogbarruu) warra duriiti” jedhu.
Akka Guyyaa Qiyaamaa guutuu taatee badii isaaniitiifi badii warra beekumsa malee jallisanii irraa baadhatanuuf (kana jedhu). Dhagahaa! Wanti isaan baadhatan waa fokkate!
Dhugumatti, warri isaan dura turan tooftaa baasaniiru, (adabbiin) Rabbii bu’uura irraan manneen isaaniitti dhufee (ishee diige) Ijoon (gubbaan manaa) gubbaa isaaniitiin isaan irratti kufe. Adabni karaa isaan hin beekneen isaanitti dhufe.
Sana booda Guyyaa Qiyaamaa isaan salphisa, nijedhaan “Hiriyoonni kiyya kan (dhimma) isaanii keessatti (mu’uminoota) faallessaa turtan eessa jiru?”. Isaan beekumsa kennaman “dhugumatti har’a salphinaafi hamtuun kaafiroota irratti ta’eera” jedhu.
(Isaan) warra lubbuulee isaanii miidhoo ta’anii maleeykonni isaan ajjeesaniidha. Hamtuu tokkollee kan dalagnu hin turre jechuun ajajamoo ta’uu isaanii (sobaan) ibsu. Lakkisaa dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjachaa turtan beekaadha (isaaniin jedhama).
Ishee keessatti kan haftan ta’aatii balbala Jahannam seenaa, (isaaniin jedhama). Dhugumatti, teessoon boontotaa waa fokkate.
Isaan (Rabbiin) sodaataniin “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse?” jedhame, “Gaarii (buuse)” jedhan. Warra toltuu hojjataniif addunyaa kana keessatti (jiruu) gaariitu jira. Manni Aakhiraa immoo irra caalaadha. Gandi warra (Rabbiin) sodaatanii waa tole!
(Isheen) Jannata qubsumaati ishee niseenan. jala ishee laggeentu yaa'a. Ishee keessa wanti isaan fedhan isaaniif ta’aadha. Akka kanatti Rabbiin sodaattota (Isaa) mindeessa.
(Isaan) warra gaggaarii ta’anii maleykonni ruuhii isaanii baaftuudha. nijedhaniin “nageenyi isin irratti haa jiraatu; jannata seenaa waan hojjachaa turtaniin”.
Sila (kaafiroonni) maleeykonni isaanitti dhufuu yookiin ajajni Gooftaa keetii isaanitti dhufuu malee (waan biraa) ni eeguu? Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganiiru. Rabbiin isaan hin miine. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.
(Adabni) hamtuuwwan isaan hojjatanii isaan tuqe. Wanti isaan itti qishinaa turanis isaanitti bu'e.
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan ni jedhan: “odoo Rabbiin fedhee, nutis ta’ee abbootiin keenya Isaa gaditti waan biraa hin gabbarru turre(. Ajaja) Isaatiin alas homaa haraama hin goonu turre.”. Warri isaaniin duraas akkuma kana dalagan. Sila ergamtoota irra (ergaa) ifatti geessuu malee wanti biraa jiraa?
Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun). Isaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jira. Ammas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jira. Dachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa.
Yoo qajeeluma isaanii irratti bololtes (qajeelchuu hin dandeessu). Dhugumatti Rabbiin namoota jallisu hin qajeelchu; tumsitoonni isaaniif hin jiran.
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatan. Lakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera). Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.
(Sababni du’a irraa isaan kaasuuf) akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsuufi akka warri kafaran kijiboota ta’uu isaanii beekaniifi.
Wanta kamillee (ta’uu) isaa yoo feene, jechi keenya isaan ‘ta’i’ (jechuu) qofa. Achumaan ta’a.
Isaan erga miidhamanii booda (karaa) Rabbii keessatti godaanan, dhugumatti addunyaa keessatti (qubannaa) gaarii ta’e isaan qubsiifna. mindaa Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan ta’anii.
(Isaan) warra obsanii, Gooftaa isaanii (qofa) irratti hirkataniidha.
Nuti si dura dhiirota wahyii gara isaaniitti goone malee (waan biraa) hin ergine. Yoo kan hin beekne taatan, abbootii beekumsaa gaafadhaa.
Mallattoolee ifa ta’aniifi kitaabotaan (isaan ergine).Qur’aana gara keetti buufne. Akka namootaaf waan gara isaaniitti buufame ibsituufi akka isaan xiinxalaniif.
Sila isaan tooftaa badaa baasan hin sodaatanuu? ‘Rabbiin dachii isaaniin gadi kutuu yookiin iddoo isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufuu.
Yookiin deddeebi’uu isaanii keessatti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Isaan dadhabsiisoo hin taane.
Yookiin sodaa (isaanii) irratti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.
Sila wantoota irraa gara waan Rabbiin uumee hin ilaalanii? kan gaaddisoonni isaa gara mirgaafi bitaawwanitti dabu xiqqaatoo ta’anii Rabbiif sujuudan.
Rabbiif sujuuda godhu Wanti samiilee keessa jiraniifi Wanti dachii keessa jiran, Lubbu qabeeyyii irraafii maleeykonnis. Isaan hin boonanus.
Gubbaa isaanii irratti Gooftaa isaanii sodaatu; waan itti ajajamaniis ni dalagu.{1}
Rabbiin nijedhe “gabbaramoota lama hin godhatinaa, Dhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofa. Anuma qofa sodaadhaa”.
Wantoonni samiifiileefii dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Amantiinis walitti fufaa ta’ee kan Isaati. Sila waan Rabbiin ala jiru sodaattuu?
Ni’imaa irraa wanti isin bira jiru Rabbuma irraayyi. Ergasii yeroo miidhaan isin tuqe, garuma Isaatti waywaattu.
Ergasii yeroo Inni miidhaa san isin irraa kaasu, yeroma san gareen isin irraa ta’e Gooftaa isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
Waan Nuti isaaniif kenninetti kafaruuf (Isatti qindeessu). Qanani’aa; fuula dura (waan isin mudatu) ni beektuu.
Waan Nuti isaaniif kennine irraa waan hin beekneef qooda taasisu. Rabbitti kakadhee! waan (sobaan) odeessaa turtan irraa ni gaafatamtu.
(Maleykaa irraa) Rabbiif shamarran taasisu. Qulqullina isaa (qulqullaa’e), Isaaniif immoo waan fedhan (dhiirota) taasisu.
Tokkoon isaanii yeroo dubaraan gammachiifame,fuulli isaa gurraacha ta’a, haala gaddaan kan guutame ta’een .
Namoota irraa dhokata Fokkina waan ittiin gammachiifamee irraa “Sila salphina irratti ishee qabata moo? biyyee keessatti ishee awwaala?” (jechuun kan dhama’e ta’ee). Dhagahaa! Wanti isaan murteessan waa fokkate!
Isaan Aakhiraatti hin amanneef fakkii fokkataatu jira. Rabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jira. Inni injifataa, ogeessa.
Odoo Rabbiin namoota miidhaa isaaniitiin qabee, silaa dugda ishee (dachii) irratti lubbuu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga beellama murtaa’eetti isaan tursiisa. Yeroo beellamni isaanii ga’e, sa’aatii tokkollee hin tursiifamanu; duras hin bu’anu.
Waan ofii jibban Rabbiif taasisu Arraboonni isaanii kijiba dubbatti,“Toltuun (Jannanni) isaaniifi” (jechuun).akka Ibiddi isaaniif ta’e shakkiin hin jiru. isaan (gara ishee) jalqaba oofamoodha.
Rabbitti kakadhee! Dhugumatti, Nuti gara ummatoota si duraa (ergamtoota) erginee jirra. Sheyxaanni dalagaalee isaanii isaaniif miidhagsee jira. Inni (sheyxaanni) har’a jaalallee (gargaaraa) isaaniiti. Isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira.
Nuti kitaaba sirratti hin buufne akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsituuf malee. (inni) qajeelumaafi rahmata ummata amananiif.
Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiis erga isheen duute booda isaan jiraachise. Dhugumatti kana keessa ummata dhaga’aniif mallattootu jira.
Dhugumatti beeylladoota keessas xiinxalatu isiniif jira, Waan garaalee isaa keessa jiru irraa cumaafi dhiiga gidduu aannan qulqulluu isin obaafna, kan dhugdootaaf gadi liqimfamaa ta’e.
Firiilee mukkeen Tamiriitiifi Inabaa irraa dhugaatii macheessuufi soorata gaggaarii godhattu. Dhugumatti kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattootu jira.
Gooftaan kee gara kanniisaatti beeksisa godhe “gaarreen, mukaafi waan isaan ijaaran irraa mana godhadhu” (jechuun).
“Ergasii firiilee hunda irraa nyaadhuu, karaalee Gooftaa keetii seeni laafaa haala ta’een.” Garaalee ishee irraa dhugaatii bifti isaa gara gara ta’eetu (daymaatu) baha, kan isa keessa namaaf fayyaan (dawaan) jiru. Dhugumatti kana keessa namoota xiinxalaniif mallatootu jira.
Rabbiin isin uume, Ergasii isin ajjeesa, Isin irraas nama gara umrii gadi aanaa (dullumaa) deebifamutu jira, Beekumsa booda akka homaa hin beekneef, Rabbiin beekaa, danda’aadha.
Rabbiin hiree keessatti garii keessan garii irra caalchiseera. Isaan caalchifaman qabeenya isaanii gara waan (gabroota) harki isaanii dhuunfattee deebisanii isaanis isa keessati kan wal qixxaatanu hin taane. Sila qananii Rabbii mormuu?
Rabbiin lubbuulee keessan irraas niitiiwwan isiniif godhe. jaartiiwwan keessan irraa ilmaaniifi ilmaan ilmaaniis isiniif godhe. gaggaariiwwan irraa isin soore. Sila isaan sobatti amananii tola Rabbiitti kafaruu?
Rabbiin gaditti wantoota samiifi dachii irraa soorata isaaniif hin kennineefi (waan tokko) hin dandeenye gabbaru.
Rabbiif fakkeenyota hin godhinaa. Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu.
Rabbiin gabricha horatamaa, kan homaa irratti dandeettii hin qabneefi nama Nuti nu biraa soorata gaarii isaaf kennine, inni isa irraa dhoksaafi ifattis kan arjoomu (isaafi wantoota isaan alaatiif) fakkeenya taasiseera. Sila isaan wal qixa ta’uu? Faaruun kan Rabbiiti. Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu.
Rabbiin namoota lama (mu’uminootaafi kaafirootaaf) fakkeenya taasiseera: tokkoon isaan lamaanii arraba hidhamaadha; homaa irratti dandeettii hin qabu; inni mootii isaa irratti ba’aadha; bakkuma inni isa erge hunda irraayyuu waan gaariin hin dhufu. Sila inniifi namni karaa qajeelaa irra jiraatee haqatti ajaju, wal qixa ta’aa?
Iccitiin fagoo samiileefi dachii (hunduu) kan Rabbiiti. Waa’een Qiyaamaa akka libsuu ijaa malee hin taane; yookiin inni isa irra dhihoodha. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Rabbiin isinii homaa hin beekne garaalee haawwan keessanii irraa isin baase. dhageettii, argituuleefi onneewwan isiniif godhe. Akka galateeffattaniif.
Sila gara allaattii hin ilaallee? hawaa samii keessa (kufuu irraa) Rabbiin malee wanti biraa kan ishee hin qabne taatee (bararuuf) laaffifamtuu taatee. Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
Rabbiin manneen keessan irraa iddoo teessumaa isiniif godhe. Gogaa beyladaa irraa manneen guyyaa imala deemtaniifi guyyaa dhaabbannaa keessaniis salphifattan isiniif taasiseera. suufa hoolaa, rifeensa gaalaafi rifeensa re’ee irraa meeshaafi faa’idaalee hanga yerootiif (isiniif godheera).
Rabbiin wantoota uume irraa gaaddisawwan isiniif godhe. Gaarreen irraas iddoo dhokannaa (isinii godhe). Uffatawwan ho’aa (fi qorra) isin irraa dhorgitus isiniif godhe; uffatawwan balaa waraanaa irraa isin tiksitus, akka kanatti (Rabbiin) tola Isaa isin irratti guuta Akka isin (isaaf) ajajamtaniif.
Yoo (haqa irraa) garagalaniif, dhugumatti wanti sirra jiru (ergaa) qaqqabsiisuu ifa ta’e qofa.
Tola Rabbii ni beeku Ergasii ishee mormu, Ira hedduun isaanii kaafiroota.
Guyyaa ummata hunda irraa ragaa kaafnu [yaadadhaa]. Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hayyamamu, (Komii dhiifama qabus) hin komatamanu.
Isaan miidhaa dalagan yeroo azaaba argan, isaan irraa hin salphifamu; Yeroonis isaaniif hin kennamu.
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan yeroo qindoolee isaanii argan nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan kun qidoolee keenya warra nuti siin ala kadhachaa turreedha”. (Gabbaramtoonnis) “dhugumatti isin kijiboodha” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu.
Isaan guyyaa san ajajamoo ta’uu gara Rabbiitti dhiyeessu. Wanti isaan sobaan uumaa turanis isaan irraa bade.
Isaan kafaranii karaa Rabbii irraas (namoota) deebisan, adabbii irratti adabbii isaaniif daballa. waan isaan balleessaa turaniif jecha,
Guyyaa Nuti ummata hunda keessatti lubbuma isaanii irraa ragaa isaan irratti baafnuufi sis (yaa Muhammad SAW) isaan kana irratti ragaa goonee si fidnu [yaadadhu]. Kitaaba (Qur’aana) sirratti buufne, Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, rahmataafi gammachuu goonee.
Dhugumatti, Rabbiin haqatti, toltuu hojjachuufi firootaaf (gargaarsa) kennuutti ajaja. Wantoota fokkatoo, waan jibbamaadhaafi miidhaa irraas ni dhorga. Akka gorfamtaniif jechas isin gorsa.
Yeroo waadaa seentan waadaa Rabbii guutaa. Kakuu eega ishee jabeessitanii booda hin diiginaa dhugumatti Rabbiin kan ragaa of irratti gootan taatanii. Dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan ni beekaa.
Akka ishee jibrii ishee erga footee jabeessitee booda diiginsa diigdee hin ta’inaa, kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa hingodhatinaa, Ummanni tokko ummata biraa irra sababa baay’achuutiin. Rabbiin kanaan isin qormaatuuf (kana godhe). Guyyaa Qiyaamaas waan isa keessatti wal dhabaa turtan dhugumatti isiniif addeessa.
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu nama fedhe ni jallisa; nama fedhes ni qajeelcha. Waan dalagaa turtan irraa dhugumatti ni gaafatamtu.
Kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa hin godhatinaa. Faanti erga lafa qabattee booda akka hin mucucaanneef. sababaa karaa Rabbii irraa (namoota) deebiftaniif hamtuu akka hin dhandhamneef. (Oggas) isiniif adabbii guddaatu jira.
Waadaa Rabbii maallaqa xiqqaatti hin gurguratinaa. dhugumatti, wanti Rabbiin bira jiru, isatu isiniif caalaadha. Yoo kan beektan taatan.
Wanti isin biraa ni dhuma, Wanti Rabbiin biraa immoo hafaadha. Isaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.
Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.
Yeroo Qur’aana qaraatu sheyxaana darbatamaa irraa Rabbitti maganfadhu.
Dhugumatti, inni warra amananii Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti aangoon isaaf hin jiru.
Aangoon isaa warruma jaalalloo isa godhataniifi warra Isatti qindeessoo ta’an (qofa) irratti.
Yeroo keeyyata tokko bakka keeyyata biraa jijjiirre, Rabbiin waan buusu akkan beekaadha; “Ati (yaa Muhammad!) soba of biraa uumaa malee kan biraa miti” jedhu. Dhugumatti irra baay’een isaanii hin beekanu.
Jedhi ruuhul qudus (Jibriil) Gooftaa kee irraa dhugaan isa (Qur'aana) buuse, Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachuu ta’ee (buuse).
Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beekna. Qooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha, (Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha.
Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne, Rabbiin isaan hin qajeelchu; isaaniifis adabbii laalessaatu jira.
Dhugumatti kan kijiba uumu isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne qofa. Warri sun isaanumatu kijibdoota.
Namni eega amanuu isaatii Rabbitti kafare (Adaba laalessaatu isaaf jira), Nama odoo qalbiin isaa Iimaana irratti ragga’ee jiruu (kufriitti) dirqisiifame malee, Garuu namni qoma isaa kufriif bal’ise dallansuu Rabbi irraa ta’etu isaan irra jira; Isaaniif adabbii guddaatu jira.
Kun waan isaan jireenya addunyaa Aakhiraa caalaa jaalataniifi Rabbiin ummata kaafirootaa hinqajeelchu.
Isaan warra Rabbiin onneewwan isaanii, dhageettii isaaniifi agartuuwwan isaanii irratti cufeedha. Isaan sun isaanumatu dagattoota.
Shakkiin hin jiru isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oota.
Ergasii Gooftaan kee isaan erga rakkifamanii booda godaananii, ergasii qabsaa’anii, obsaniif (araaramaa, rahmata godhaa dha); dhugumatti Gooftaan kee booda isheetii (rakkifamuutii) araaramaa, rahmata godhaadha.
Guyyaa lubbuun hundi kan ofirraa mormitu taatee dhuftuufi, kan lubbuun hundi waan dalagdeen mindeeffamtu [yaadadhu]. Isaan hin miidhaman.
Rabbiin magaalattii nagaa tasgabbooftuu turte,(nama tola isaatti kafareef) fakkeenya taasise. kan sooranni ishee iddoo hunda irraa baay’inaan isheetti dhufu, kan qananiilee Rabbiitti kafartee. Rabbiin waan isaan hojjachaa turaniin uffata beelaafi sodaa ishee dhandhamsiise.
Dhugumatti ergamaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufee, isas sobsiisani; odoo isaan miidhaa hojjatoota ta’anii jiranuu adabbiin isaan qabate.
Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa. Hayyamamaa, gaarii haala ta’een. tola Rabbii kan isinirratti tahe galateeffadhaa Yoo kan Isa gabbartan taatan.
Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota Rabbiin alaatiif (yeroo gorra'an) sagaleen irratti olfuudhameedha. Namni rakkifame fincilaa tahuun maletti daangaa dabruun maletti (yoo nyaate)(badiin isarra hin jiru). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
waan arrabni keessan kijiba dubbatuun “kun hayyamamaadha; kun immoo dhorgamaadha” hin jedhinaa.Rabbirratti kijiba uumuuf jettanii, Dhugumatti isaan Rabbirratti soba odeessan hin milkaa’anu.
(Isaaniif) qananii xiqqootu jira. (Aakhiraatti immoo) isaaniif adabbii laalessaatu jira.
Isaan yahuudota ta’an irratti waan kana dura sirratti odeessine dhorgaa taasifnee jirra. Nuti waa isaan hin miinee, garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.
San booda Gooftaan kee isaan wallaalumaan hamtuu dalaganii sana booda tawbatanii (hojii isaanii) tolchan, dhugumatti Gooftaan kee ishee booda araaramaa, rahmata godhaadha.
Dhugumatti Ibraahiim ogganaa Rabbiif ajajamaa, qajeelaa ture. Mushrikoota irraa hin taane.
Tolawwan Isaatiif galatoomfataa ture. (Rabbiin) isa filatee gara karaa sirrii isa qajeelche.
Addunyaa keessatti toltuu isaaf kenninee jirra. Dhugumatti inni Aakhiraa keessattis gaggaarii irraayyi.
Ergasii “karaa Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofi” (jechuun) beeksisa gara keetti goone. Inni (Ibraahiim) mushrikoota irraa hin taane.
Sanbatni (dhorgaa) kan godhame warruma isa keessatti wal dhaban qofa irratti. Dhugumatti Gooftaan kee guyyaa qiyaamaa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaanitti nimurteessa..
Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waami, Ishee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmi, Dhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaa. Inni qajeeltotas beekaadha.
Yoo haaloo bahattan fakkaatuma waan miidhamtaniitiin bahadhaa. Yoo obsitan immoo obsitootaaf isatu caalaadha.
Obsi; obsuun kee (si dandeessisuu) Rabbiitiin malee hin taane, Isaan irratti hin gaddin, Tooftaa isaan baasan irraa dhiphina keessatti hin ta’in.
Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra isaan tolchitoota tahan wajjin jira.