عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The night journey [Al-Isra] - Oromo translation

Surah The night journey [Al-Isra] Ayah 111 Location Maccah Number 17

(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture.

Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti beeksisa goonee jirra “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa of tuuluuf jirtu” (jechuun).

Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergine. Isaan manneen keessa ni deddeebi’an (nisakatta'an). (Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera

Yoo toltuu hojjattan lubbuma keessaniif toltuu hojjattu. Yoo hamtuu hojjattan isuma irratti. Yeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuuleen keessan hammeessan, akka masjiidicha (Aqsaa) akkuma yeroo duraa isa seenanitti seenaniifi, akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina).

Gooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelama. Yoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebina. Jahannamiin kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra.

Yeroo magaalaa takka balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajna. Isaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’a. Ishee barbadeessuu barbadeessine.

Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa.

Isaaniif koola (qoochoo) xiqqeenyaa rahmatarraa kantahe isaaniif gadi qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi.

Gooftaan keessan waan lubbuulee keessan keessa jiru akkaan beeka. Yoo namoota gaggaarii taataniif Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera.

Dhugumatti Gooftaan kee hiree nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisas. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera.

Sagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa.

Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif deddeebinee ifa goonee jirra. Baqa malee homaa isaaniif hin dabalu.

Inni (Rabbiin) waan isaan jedhan irraa qulqulluufi ol ta’iinsa guddaas ol ta'eera.

Nuti waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna. yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni jedhan “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu”(nibeeyna).

Fakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaali. Isaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu.

Ni jedhan “sila nuti erga (duunee) lafeefi bututaa (tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoo dhaa?”

(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Dhagaa yookiin sibiila ta’aa.

Yookiin uumama qomoowwan keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa. (kaafamuun keessan hin hafu)". Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“. Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhi. Mataa isaanii sitti raasuuf jiru, Ni jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin.

Jedhiin “Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa. (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an”.

Yeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jenne [yaadadhu]. Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin goone. Mukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone). Nuti isaan sodaachifna; inni jallinna guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.

Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne [yaadadhu]. Ibliis malee isaan sujuuda godhan. Inni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe.

(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofe dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha.

Dhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiru. Hirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha.

Gooftaan keessan Isa doonii galaana keessa isiniif deemsisuudha. akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, Dhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera.

Moo sodaa dhabdanii yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee, qilleensarraa hobonboleettii isinitti ergee, bishaaniin isin dhidhimsuu sababa isin kafartaniif. ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan (hin sodaattanuu?)

Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]. Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa (baqaqaa firii timiraa keessaa)llee hin miidhamanu.

Namni (addunyaa) tana keessatti jaamaa (qalbii) ta’e,inni aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha.

Dhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa si jallisuutti dhiyaatanii turan. akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha. Oggas jaalallee si taasifatu ture.

Oggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna ture. Ergasii ati Nurraa tumsaa hin argattu.

Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata (ulaagaa ishee guutii) gadi dhaabi. qur'aana (Salaata fajriis) (sagadi). qur'aanni (Salaanni) fajrii (maleykaadhaan) dhufamaa ta’eera.

Halkan irraa isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadi. Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.

Yeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifne, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe abdii murataa ta’a.

Garuu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne), tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera.

Yookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif tahutti, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu).

Yookiin (hanga) akka jettetti cittuu samii irraa taate nu irratti buuftutti, yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu).

Yookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol korttutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nurratti buuftutti hin amannu”. (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaa’ee jira. Sila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa nintahee?” jedhi.

(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiileefii dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”

Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaa. Yeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, haala walitti qabamoo taataniin hunda keessaniin dhufna.”

Ni jedhu: “Gooftaan keenya qulqullaa’eera. Dhugumatti, waadaan Gooftaa keenyaa raawwatamaadha.”

Jedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jira. Salaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatin. Giddu (lamaan) sanitti karaa barbaadadhu.