عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The cave [Al-Kahf] - Oromo translation

Surah The cave [Al-Kahf] Ayah 110 Location Maccah Number 18

Dhugumatti, Nuti waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne, isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf.

Dhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha.

Yeroo dargaggoonni gara godaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu).

Holqa keessatti waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine.

Nuti onneewwan isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra. yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiileefi dachiiti Nuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannu. Dhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan.

(Dargaggoonnis ni jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin ala gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaa, Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’isa. dhimma keessan irraas laafina isiiniif qopheessa”.

Akkuma kana isaan dammaqsine akka gidduu isaanitti wal gaafataniif jecha. Jedhaan isaan irraa ta’e tokko nijedhe “Yeroo hangam (as) turtan?” nijedhan “Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre”. Ni jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) beeka, Tokkoo keessan maallaqa teessan tanaan gara magaalaa ergaa. kamii isiittu irra gaarii nyaataatii haalaaluu, soorata isaa irraa isiniif haa fidu. Haa dhokatu; waa’ee keessan nama tokkos akka hin beeksifne.

Akka kanatti isaan irratti mul’ifne. akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaa shakkiin ishee keessa hinjiruu (akka beekaniif), yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee isaanii (warra holqaa) keessatti wal dhaban, Ni jedhan: ijaarsa isaan irratti ijaaraa Gooftaa isaaniitu isaan beekaa,.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo nijedhan “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna”.

nijedhu “Isaan sadihi afraffaan isaanii saree isaaniiti”. nijedhu “Isaan shani jahaffaan isaanii saree isaaniiti” shalaggii fagootii. nijedhu “Isaan torba saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti”. (Yaa Muhammad!) jedhi “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu beeka, (namoota) muraasa malee isaan hin beeku”. Kanaafuu waa’ee isaanii keessatti hin falmin mormii ifa ta’e malee, Waa’ee isaanii keessatti isaan irraa nama tokkos hin gaafatin.

“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) malee, yeroo dagatte Gooftaa kee yaadadhu. Gooftaan kiyya gara karaa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi.

Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisi, Jechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti dabdan hin argattu.

Fakkeenya isaaniif godhi. namoota lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama tan inaboota irraa taate taasifnee, isaan lamaanuu muka timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis midhaan (facaafamu) taasifne.

Ani garuu Inni, Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin qindeessu.

Maaliif Yeroo oyruu tee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” jechuu dhiifte!, Yoo ana qabeenyaafii ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes;

Midhaan isaattis ni marfame (ni bade), waan isii keessatti baaserratti ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchutti seene. isheen mogoleewwan (jirma) ishee irratti kukkufte, nijedhe “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti waa tokko qindeessuu baadhee”.

Achittii (Qiyaamaa) mootummaan kan Rabbii haqa ta’eeti, Inni mindeessuutti Isumatu caala; booddee tolchuttis Isumatu caalaadha.

Guyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya kan kijibaan dubbattan san waamaa” jedhu [yaadadhu]. Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatan. gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifne.

Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee irraa garagaluufi waan harki isaa lamaan dabarfatte dagate- caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onneewwan isaanii irratti qadaaddaafi gurreen isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirra. Yoo gara qajeellumaa isaan waamte, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan.

Gooftaan kee akkaan araaramaa, abbaa rahmataati. Odoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa ture. Garuu isaaniif beellamaatu jira, ken isa malee gara itti deebi’an hin arganne.

Yeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo galaanni lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti waggoota (hedduu) fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe [yaadadhu].

Yeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatan. Inni (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate.

Yeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidi Dhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.”

(Dargaggichi isaa) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa hirkanne, dhugumatti, ani qurxummii irraanfadheera. Wanti akka isa hin yaadanne na irraanfachiises sheyxaana malee hin jiru. Innis karaa isaa galaana keessa dinqisiisaa godhate.”

(Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” Faanoowwan isaanii irra hordafaa gara duubaa deebi’an.

Muusaan isaan nijedhe “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu danda’aa?”

(Namichi) ni jedhe: “ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu.

Isaan lamaanuu hanga doonii tokko keessa yaabbatanitti ni deeman, Inni (namichi) ishee ure (Muusaan) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa fidde!”

(Namichis) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu hin jennee?”

(Muusaan) ni jedhe: “Waanan irraanfadheef na hin qabin, Dhimma kiyya irraas rakkoo na hin baachisin.”

Hanga mucaa tokkotti dhufanitti deemanii achumaan isa (mucicha) ajjeese, (Muusaan) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeesuun) ala ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe.

(Namichi) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”

(Muusaan) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin), Dhugumatti, ana biraa dhiifama (dhumaa) irra geessee jirta.”

Ergasii isaan lamaan nideeman hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafatan, isaan keessummeessuu didan. Ergasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko argan. (namichi) ol kaasee isa dhaabe (Muusaan): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe.

(Namichi) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiiti. Ani hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima.

Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene.

Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti ture. Isa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jira. Abbaan isaanii nama gaarii ture. Gooftaan kee (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedhe. Anis kana (hunda) fedha kiyyaan hin hojjanne. Kun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu hindandayiniiti.”

Ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabna, Ergasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e (jahannamiin) isa adabuuf jira.

Sana booda karaa hordofe (deemsa gara bahaa itti fufe).

(Dubbichi) akka kana, Wantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra.

Ergasii karaa (kaabaa) hordofe (deemsa ittifufe).

(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caala. humnaan na gargaaraa, Gidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, .

(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; (jalaanis) isa uruu hin dandeenye.

(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’e, Yeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, bittinnaa’aa isa godha, Waadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”

Guyyaa (qiyaamaa) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifna. Garriin (xurumbaanis) ni afuufamaa, (uumama hunda) walittiqabiinsa walitti isaan qabna.

(Isaan) warra ijjoowwan isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenye turan.

”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi.

Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”

Jedhi: “Ani namuma akka keessaniiti. kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudha. Kanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; gabbartii Gooftaa isaa keessattis tokkollee hin qindeessin.”