عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Cow [Al-Baqara] - Oromo translation

Surah The Cow [Al-Baqara] Ayah 286 Location Madanah Number 2

Alif, Laam, Miim {1}{2}

Kitaabni kuni [Rabbiin biraa ta’uu isaa keessatti] mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.

Isaannan "Ghaybitti" (wantoota miiraan hin dhaqqabamnetti) amanan, kan salaata sirnaan salaataniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennataniidha.

Onneewwan isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. Waan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira.

Dhagayaa! Dhugumatti isaan isaanumatu warra badiiti. Garuu [haala gadhee isaanii kana] hin beekanu.

Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhuYeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo " nuti isin waliin jirra; dhugumatti nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf [akkas goone]" jedhu.

Rabbiin [mindaa qishnaa isaaniitiif] isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti isaan dhiisa odoo isaan dhama’anuu .

[Isaan] duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha. Kanaafuu [gara karaa qajeelaa] hin deebi’anu.

Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessatti taatan, suuraa akka isaa [tokko] fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa.yoo kan dhugaa dubbattan taatan.

Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "dhugumatti, Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhes [yaadadhu]. Isaanis ni jedhan: "Sila namoota ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti taasiftaa?" odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu". [Innis] ni jedhe: "Dhugumatti, Ani akkaan beekaa waan isin hin beekneti."

[Malaa’ikoonnis] ni jedhan: "Ati qulqulloofte. Nu waan Ati nu barsiifte malee beekumsa hin qabnu; dhugumatti, Ati Simatu akkaan beekaa ogeessa."

[Rabbiin] ni jedhe: "Yaa Aadam! maqoota isaanii isaanitti himi." Yeroma inni maqoota isaanii isaanitti himu [Rabbiin] ni jedhe: "Sila Ani akkaan beekaa wantoota fagoo kan samiifi dachiiti; ammas Ani akkaan beekaa waan isin ifa taasiftaniifi waan isin dhoksaa turtaniiti’ isiniin hin jennee?"

Shayxaannis ishee (jannata) irraa isaan mucucaachise. Waan isaan isa keessa turan irraas isaan baase. Nutis ni jenne: "gariin keessan gariif diina ta’aa gadi bu’aa. Isiniifis dachii keessa iddoo jireenyaatiifi waan itti fayyadamtan kan yeroo murtaa’eetu jira."

Aadamis Gooftaa isaa irraa jechoota fudhatee, sana booda [Rabbiin] dhiifama isaaf godhe. Dhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

Nuti ni jenne: "Hundi keessanuu ishee (jannata) irraa gadi bu’aa. Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isiniif dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus."

Guyyaa lubbuun [takka] lubbuu (biraa) homaa hin fayyadne, kan jaarsummaan (araarsi) ishee irraa hin fudhatamneefi gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, kan isaanis hin tumsamne san sodaadhaa.

Ammas yeroo Nuti ummata fir’awn jalaa nagaya isin baafne san (yaadadhaa). kan hamtuu adabbii isin dhandhamsiisaa turan, kan ilmaan dhiiraa keessan gorra’aniifi dubartoota keessan dhiisan.Sana keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

Yeroo bahra isiniif addaan baqaysine, ergasii nagaya isin baafnee, ummata fir’awnaa odoo isin argitanuu bishaaniin dhidhimsine sanis [yaadadhaa].

|Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi seera adda babaasaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines [yaadadhaa].

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhaa] "yaa ummata kiyya! isin mirgoo [gabbaramaa] taasifachuun lubbuu keessan miitanii jirtan. Kanaaf gara [Rabbii] isin uumeetti deebi’aa, Lubbuu teessanis ajjeesaa, Sanatu Uumaa keessan biratti isiniif caala" (yaadadhaa). Ergasii [Rabbiin] dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale) Dhugumatti, Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha.

Duumessa isin irratti gaaddiseessine. Manniifi (waan akka dayma adii) Salwiis (simbira xixiqqoo) isin irratti buufne, "Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa" (isiniin jenne) Isaanis homaa nu hin miine; garuu lubbuulee isaanii kan miidhan turan

Yeroo Nuti "magaalattii tana seenaa; ishee irraas iddoo feetanii [nyaata] bal’aa nyaadhaa, Balbalichas sujuudaa seenaa"[Kadhaan keenyas badiin] nurraa harca'uudha" jedhaa, badii keessan isiniif araaramna, Warra toltuu hojjataniif [mindaa] dabaluuf jirra" jennes [yaadadhaa].

Yeroo Muusaan ummata isaatiif dhugaatii (bishaan) barbaadee achumaan Nutis "ulee teetiin dhagicha dhayi" jenneen,[yaadadhaa] (innis nidhayee) achumaan burqituun kudha lama isarraa maddite, Namoonni hundi iddoo irraa dhugan beekanii jiru "hiree Rabbii irraa nyaadhaa, dhugaa; Dachii keessas badii hin babal’isinaa" [jenneen].

Yeroo "Yaa Muusaa! nuti nyaata tokko irratti hin obsinuu, Gooftaa kee nuuf kadhu akka waan dachiin biqilchitu irraa, kudraa ishee irraa, dabaaqula ishee irraas, qamadii ishee irraas, misira ishee irraas, shunkurtii ishee irraas nuuf baasu " jettanis [yaadadhaa]. (Muusaanis) ni jedhe: "Sila isin isa gadi aanaa ta’etti isa caalaa ta’e jijjiirrattuu? Gara magaalaa gadi bu’aa; wanti gaafattan isiniif jira." Salphinaafi hiyyummaan isaan irratti haguugamtee, dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’an, Kun waan isaan aayatoota Rabbiitti kafaraa, nabiyyootas haqaan ala ajjeesaa turaniifi. Kun waan isaan fincilaa, daangaas dabraa turaniif.

Dhugumatti warri amanan, isaan yahuudoman, kiristaanonniifi saabi’oonni (isaan warra maleeykaa yookaa urjii gabbaru) [isaan irraa] namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee toltuus hojjate, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii biratti tahee jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; Isaanis hin gaddanu.

[Yaa ilmaan Israa’iil!] Yeroo Nuti waadaa keessan qabanneefi [gaara] Xuuris isin gubbaatti ol kaafnee "waan Nuti isiniif kennine cimsaa qabadhaa, Akka Rabbiin sodaattaniif waan isa keessa jirus yaadadhaa’ isiniin jenne [yaadadhaa].

Dhugumatti isin warra isin irraa [dhimma] Sanbataa keessatti daangaa dabranii, "isin jaldeeyyii salphattoota ta’aa" isaaniin jenne beektanii jirtu.

Kanaafuu Nuti ishee (adabbii sana) warra isaaniin duraatiifi isaaniin boodaatiif jiilchaa, warra Rabbiin sodaataniif immoo gorsa taasifne.

Yeroo Muusaan ummata isaatiin "dhugumatti, Rabbiin sa’a qaluutti isin ajaja" jedhe [yaadadhaa], [Ummanni isaas] "sila ati qishnaa nu godhattaa?" jedhan, [Muusaanis] "ani warra wallaaloo [namatti qoosan]irraa ta’uu irraa Rabbittin maganfadha" jedhe.

[Ummanni isaas] "isheen maal akka taate ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhaniin, [Muusaanis] ni jedhe: "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a hin dulloomin, kan jabbiis hin ta’in giddu gala taate’ jedha, Waanuma ajajamtan dalagaa."

[Ummanni isaas] "bifa ishee ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhan, [Muusaanis] "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a daalattii, bifti ishee akkaan daalattii daaw’attoota gammachiiftuudha' jedha" jedheen.

[Ummanni isaas] “ Gooftaa kee nuuf gaafadhu maalummaa ishee ifa nuuf haa godhuu Dhugumatti, sa’oonni nurratti wal fakkaataniiru; Nuti yoo Rabbiin fedhe qajeeluuf jirra" jedhan.

[Muusaanis] ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘dhugumatti isheen sa’a dachii qotuufi oorruu (bishaan) obaasuu irratti hin leenjifamin, kan [hirdhuu qaamaa irraa] nagaa taateefi bifti makaan ishee keessa hin jirreedha’ jedha." [Ummanni isaas] "amma dhugaa fiddee jirta" jedhan.ishee nigorra'an Kan hojjachuuttis hin dhihaanne ta’anii turan.

Yeroo lubbuu ajjeeftanii [waa’ee] ishee keessatti wal falmitan [yaadadhaa]. Rabbiin waan isin dhoksaa turtan ifa baasaadha.

"Garii [qaama] isheetiin isa (reeffa isaa) dhawaa" jenne, akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa Akka isin xiinxaltaniif jecha .

Yeroo Nuti waadaa keessan qabanne [yaadadhaa]. "dhiigoowwan keessan wal hin dhangalaasinaa; lubbuulee teessan (namoota keessan) manneen keessan irraa hin baasinaa" (jechuun) , ergasii isin ni mirkaneessitan ragaa bahoo taatanii.

Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e kan waan isaanii wajjin jiru (Tawraatifi injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argataniif [dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiin] kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaran. abaarsi Rabbii kaafiroota irra haa jiraatu.

wanti isaan lubbuulee isaanii ittiin jijjiirratan waa fokkate, waan Rabbiin buusetti kafaruun, Rabbiin tola Isaa irraa gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusuu waanyuun (jibbuun) (kan kafaran), Kanaafuu dallansuu irratti dallansuudhaan deebi’an. Kaafirootaaf azaaba xiqqeessaatu jira.

Yeroo waan Rabbiin buusetti amanaa isaaniin jedhame "nuti waan nurratti buufametti amanna" jedhu. Waan isaan ala jiru itti kafaran, odoo inni dhugaa dhugoomsaa waan (kitaaba) isaaniin wajji jiruu ta’ee jiruu. (Yaa Muhammad! SAW) jedhiin: "Sila maaliif san dura nabiyyoota Rabbii ajjeeftu? yoo dhugaan mu’uminoota taatan"

Dhugumatti Muusaanis ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jira. Ergasii isin lubbuu keessan miidhoo taatanii isa booda (bakka inni hin jirretti) mirgoo [gabbaramaa] godhattan.

Yeroo Nuti waadaa keessan qabannee Gaara Xuurii isin gubbatti ol fuunee "Waan Nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa. [Jecha keenyas] dhagayaa" (jenne) [yaadadhaa]. Ni jedhan: "Dhageenyee dinne." Onneewwan isaanii keessa sababaa kufrii isaanitiin [jaalala] mirgoo [gabbaruu] obaafamanii jiru. jedhi "wanti iimaanni keessan itti isin ajaju waa fokkate" Yoo mu’uminoota taataniif.

jedhi "Namni Jibriiliif diina ta’e, [dallansuu isaatiin haa du’u]”. inni (jibriil) fedha Rabbiitiin onnee kee irratti isa (Qur’aana) buuse. inni (qur'aanni) dhugoomsaa waan isa duraatiifi mu’uminootaaf qajeelchaafi gammachisaadha.

Sila isaan dhawaata waadaa wahii seenaniin, gareen isaan irraa ta’e isa gataa (waadaa diigaa)? Dhugaatti irra hedduun isaanii hin amanan.

Waan shayxaanonni bara mootummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofan, Sulaymaan hin kafarre Garuu shayxaanonni nikafaran, sihrii nama barsiisan, waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabil keessatti buufames (nama barsiisan). Isaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarin" hin jedhin (sihrii) hin barsiisan. (Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratu. Isaansun nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan isasanin miidhan hin taane. Waan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratan. Dhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) bitate Aakhiratti qooda homaa hin qabaanne sirritti beekaniiru. wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii,

Odoo isaan amananii Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture; odoo kan beekan ta’anii (silaa kan biraa hin filatanu).

Nama masjiidota Rabbii akka ihsee keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isiitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Warri sun haala sodatoo tahaniin malee isii (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’hu. Isaaniif addunyaa keessatti salphinatu jira. Ammas isaaniif Aakhiratti azaaba guddaa ta’etu jira.

Bahaafi Dhiitis kanuma Rabbiiti, Kanaafuu gara feetan yoo gara galtan Fuulli Rabbii achuma jira, Dhugumatti Rabbiin (rahmanni Isaa) bal’aadha; hunda beekaadha.

"Raabbiin ilma godhate" jedhan, Inni (waan isaan jedhanirraa) ququllaa'e, Dhugaatti wanti samiileefi dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Hunduu isaaf ajajamoodha.

Warri (homaa) hin beekne: "maaliif Rabbiin nuun hin dubbanne yookiin maaliif mallattoon wahii nuuf hin dhufne? jedhu; akkasuma warri isaaniin duraa fakkaataa jecha isaanii jedhan, Onneen isaanii wal fakkaatte, Dhugumatti, Nuti namoota (amantii Rabbii) mirkaneeffataniif aayatoota (keenya) ifa taasifnee jirra

Yahuudotas ta’anii kiristaanonni hanga ati amantii isaanii hordoftutti sirraa hin jaalatanu, (Yaa Muhammad! SAW) "Dhugumatti qajeelfamni Rabbii isuma qofatu qajeelfama (sirriidha)" jedhi. Erga beekumsa irraa sitti dhufee yoo fedha lubbuu isaanii hordofte, Rabbi irraa jaalallees ta’ee tumsaan siif hin jiru.

Yeroo Ibraahiimiin Gooftaan isaa jechootaan isa mokkoree (Ibraahiimis) isa guute [yaadadhaa], (Rabbiinis) " Ani ummataaf imaama (dursaan) si taasisa" jedhe, (Ibraahiim) ni jedhe:"Sanyii kiyya irraas (taasisi)." (Rabbiinis) ni jedhe: "Waadaan (nabiyyummaan) kiyya warra miidhaa hojjatan hin argatu"

Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes [yaadadhaa], Maqaama Ibraahiim irraas iddoo salaataa taasifadhaa, (Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessaa jechuun waadaa seensifne.

Yeroo Ibraahiim jedhe "Gooftaa kiyya! Magaalaa kana (Makkaan) iddoo tasgabbii taasisi, Warra (jiraattota) isaas, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa], (Rabbiinis) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara azaaba ibiddaattin isa geessa, Iddoo deebii kan akkaan fokkateedha!"

"Gooftaa keenya! Nu lamaanuu siif ajajamoo nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi), Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah) nutti agarsiisi, Tawbaa keenyas nurraa qeebali, Dhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

Yeroo Gooftaan isaa "(Rabbiin jala) butami" isaan jennaan, [Inni] "Gooftaa aalamaa jala butameera" jedhe [yaadadhu].

Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).

Dhugumatti isheen sun ummata dabarte, Isheedhaaf mindaa waan oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan oomishtaniitu jira, Isinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu.

(Mu’uminoonni) jedhaa: “Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii fi Asbaaxitti buufametti (amannee jirra) Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis, Waan nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis (amannee jirra), Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnu, Nuti warra Isaaf butameedha.”

Yoo fakkaataa waan isin itti amantaniititti amananiif dhugumatti qajeelaniiru,Yoo isa irraa gara galan immoo isaan faallessuu qofa keessa jiru, Rabbiinis isaan siif ga’a (sirraa dhorga), Inni akkaan dhagayaa, akkaan beekaadha.

Halluu Rabbii isa uumamaa (amantii Isaa) (qabadhaa), kan Rabbirra halleessuu tolchu eenyu? Nuti isaaf gabbaroodha.

(Yaa Muhammad) jedhi: waa’ee Rabbii keessatti nuun falmituu?“odoo Inni Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessan ta’ee jiruu, nuufis dalagaan keenya, isiniifis dalagaan keessan tahee jira, Nuti (amantii) Isaaf qulqulleessoodha.

Dhugumatti isheen sun ummata dabarte. Isheef waan oomishteetu jira; Isiniifis waan oomishtaniitu jira. Isinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu

Akkasuma (akkuma isin qajeelchinetti)filatamtuu ummataa isin taasifne, namoota irratti ragaa akka taatanuufi ergamichis ragaa isin irratti ta’uuf jecha. Nuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifne. Dhugumatti sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turte. Rabbiin iimaana (salaata) keessan (kan gara Beytal-Maqdis gara galtanii sagadaa turtan) kan balleessu hin taane. Dhugumatti, Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha.

|Odoo warra kitaabni isaaniif kennametti mallattoo hundaan itti dhufteeyyuu qiblaa kee hin hordofan. Atis qiblaa isaanii kan hordoftu hin taane. Gariin isaaniis qiblaa garii isaanii kan hordofan hin taane. Dhugumatti, erga beekumsa irraa waa sitti dhufee booda odoo fedhiilee lubbuu isaanii hordoftee, ati yoos warra akkaan miidhaa hojjatanu irraa taata turte.

Hawaasa hundaafuu kallattii isaan itti gara galantu jira, Toltuu irratti wal dorgomaa, Eessattillee yoo taatan Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

Akkuma ergamaa isin irraa ta’e, isin keessatti ergine, (inni sun) kan aayatoota keenya isin irratti qara’u, kan isin qulqulleessu, kan kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisuun (isin qanansiifne).

Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii (kan ibaadaan isaa itti hojjatamu) irraayyi. Namni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiru. Namni fedhii isaatiin toltuu hojjates (ni mindeeffama), Rabbiin galateeffataa beekaadha

warra tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan malee. warra san tawbaa isaanii isaanirraan qeebala, Ani akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

Isii keessa yeroo hunda jiraatu, adabbiin isaan irraa hin salphifamu, Baallamnis isaaniif hin kennamu.

Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa, isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

Namoota irraas nama Rabbiin ala gabbaramoota (biraa) kan akka Rabbiin jaallatanutti isaan jaallatan godhatantu jiru, Isaan amanan irra jajjaboo jaalalaan Rabbiif. Warri miidhaa hojjatanu yeroo adabbii argan akka humni hundi kan Rabbii ta’eefi Rabbiinis (abbaa) adabbii cimaa akka ta’e, odoo arguu kan danda’an ta’anii (silaa gabbaramaa biraa hin godhatanu).

Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaayanii (isaan jallisuu waakkatan) fi (yeroo) azaaba argan, hariiroon isaanii hundi yeroo isaan jalaa citu (odoo beekanii gabbaramaa biraa hin godhatanu ture).

Isaan hordofan ni jedhan: "odoo carraan (gara addunyaa) deebi’uu nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaayan nutis isaan irraa qulqulloofna turre." Akka kanatti Rabbiin hojiiwwan isaanii gaabbii (sheenaa) isaan irratti godhee isaanitti mul’isa, Isaan ibidda irraa bahoo miti.

Fakkeenyi warra kafaranii (nama gara haqaatti isaan yaamuu) akka fakkeenya isa waan waamichaafi lallaba malee hin dhageenyetti (beyladatti) iyyuuti, (Isaan) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha; isaan hin xiinxalanu.

Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin malee (yeroo gorra'amu) isa irratti ol fuudhame qofa. Namni (nyaachutti) rakkifame shiftaafii daangaa dabraa tahuun maleetti badiin isarra hin jiru. Dhugumatti Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee), kan qabeenya kenne odoo jaallatuu firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf (kennee), kan salaatas gadi dhaabe, zakaa kenne, warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutaniidha. warra rakkina, dhukkuba keessatti, yeroo lolanis obsaniidha. Isaan warra dhugaa qabatani, Isaan warra Rabbiin sodaataniidha.

Yaa warra amantan! Ajjeefamaa keessatti "qisaasni" (lubbuu lubbuun kafaluun)(seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameera. Bilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaan (ajjefamu). Namni (dhiiga) obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi (kaffaltiin gumaa dhiigaas) haala gaariin isaan (abbaa gumaatiin) gayuutu irra jira. Kun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedha. Namni sana booda daangaa dabre, isaaf azaab laalessaa ta’etu jira.

"Qisaasa" keessa jiraachuutu (lubbuu du’a irraa baraaruutu) isiniif jira Yaa warra sammuu qabdan! Akka isin (ajjeechaa irraa) eeggattaniif (kana goone) .

Namni isa dhaamu san irraa jal’ina yookiin badii sodaatee gidduu isaanii araarse, badiin isa irra hin jiru. Dhugumatti, Rabbiin akkaan araaramaa rahmata godhaadha.

Guyyoota lakkaawamtuu (soomaa) Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin karaa deemsarratti ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira) Warra isa (Soomuu) (osoo itti ulfaatuu uf dirqan) danda’an irratti kaffaltii (yoo soomana dhiisan) (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jira. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadha. soomuutu isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.

(yeroon akkasoomtan dirqama taasifame) Jiia Ramadaanaa isa Qur’aanni -namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) irraa ta’e- keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemsarratti ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha, isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi, waan isin qajeelcheef irratti akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone).

Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha. naaf haa owwaatanu, nattis haa amananu, Akka qajeelaniif jecha.

Halkan soomaa gara dubartoota (niitiwwan) keessanii dhaquun (qunnamtii saalaa gochuun) isiniif hayyamameera. Isaan isiniif uffata; isiniis isaaniif uffata. Rabbiin akka isin lubbuu keessan ganaa turtan beekee tawbaa keessan isin irraa qeebalee, dhiifamas isiniif godhe. Amma isaan waliin qunnamtii saalaa godhaa; (ilmaan irraa) waan Rabbiin isiniif katabe barbaaddadhaa. Hanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda bahutti nyaadhaa dhugaa, Ergasii hanga halkaniitti sooma guutaa. Odoo masjiidoota keessa i’itikaafa taa’aa jirtanuu isaan waliin qunnamtii saalaa hin raawwatinaa. Sun daangaawwan Rabbiitii isheetti hin dhihaatinaa.akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa namootaaf ibsa Akka isaan Isa sodaataniif jecha .

(Yaa Muhammad!) Waa’ee baatii reefuu baatu irraa si gaafatu“Isheen namootaaf kan yeroo ibsituufi hajji (beeksiftuu) dha” jedhi. Dalagaan gaariin manneen boroo isaaniitiin seenuu keessanii miti, Garuu dalagaan gaariin (iimaana) nama Rabbiin sodaatuuti, Manneen balbaloowwauma isheetiin seenaa, akka milkooftaniif jecha Rabbiinis sodaadhaa.

Yoo isaan dhoowwaman (waraana dhaabanii amantii seenan) Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

Baatiin kabajamaan baatuma sana keessa (galata galfama); kabajaan gamaa gamanaayi (yoo isaan baaticha san kabajan isiniis kabajju), Nama isin irratti daangaa dabre isinis fakkaatuma waan inni isin irratti daangaa dabreetiin isa irratti daangaa dabraa, Rabbiin sodaadhaa, beekaa Rabbiin warra Isa sodaatuu wajjiin ta’haadha.

Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaa. Yoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa), Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’utti mataa keessan hin haaddatinaa, Namni isin irraa dhukkubsataa tahe yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, (yoo mataa isaa haaddate) soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasu. Yeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jira, Namni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu). Sun (guyyaa) kudhan guutuudha. (Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif, Rabbiin sodaadhaa, beekaa Rabbiin kan adabbiin isaa cimaati.

Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatu. Jedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadha. Karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, (namoota) Masjidal Haraam (irraa dhorguun) jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadha. Mokkoraatu (Shirkiitu) ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadha. Yoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deeman. Namni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.

Duuniyaafi Aakhiraa keessatti (haa xiinxaltaniifi). Waa’ee yatiimotaa irraas si gaafatu“Isaaniif tolchuutu caalaadha” jedhi. Yoo isaanitti makamtanis isaan obboleeyyan keessani. Rabbiinis nama balleessu isa tolchu irraa adda baasee beeka. Rabbiin odoo fedhee, isin rakkisuu danda’a. Dhugumatti, Rabbiin akkaan injifataa, ogeessa.

Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu jedhi Inni (iddoon isaa) xuriidha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa. Hanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan qulqulleeffatan, bakka Rabbiin isin ajajeeniin isaan bira dhaqaa. Dhugumatti Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata.

Warra jaartiiwwan isaanii irraa kakataniif ji’oota afur eeguutu isaan irra jira. Yoo irraa deebi’an dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, rahmata godhaadha.

Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa tolaan gadi lakkisuudha. Isin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamu. Yoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin of baafte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiru. Kun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaawwan Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha.

haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisu,Nama hoosisaa guutuu fedheef.nama ilmi isaaf dhalate (abbaa) Soorataafi uffata isaanii (haadholeef) haala gaariin (kennuun) isarra jira. Lubbuun kamiiyyuu dandeettii isheetii ol hin dirqisiifamtu. Haati sababaa ilma isheetiin hin rakkifamtu; namni ilmi isaaf dhalates (abbaanis) sababaa ilma isaatiin (hin rakkifamu). Nama (abbaa) dhaalu irras fakkaataa sanaatu jira. Yoo isaan lamaan fedha isaaniitiifi wal mariin guusisuu fedhan, badiin isaan irra hin jiru. Yoo ilmaan keessaniif (hoosiftuu gootanii) hoosisiisuu feetan,badiin isin irra hin jiru yoo waan kennitan akkaataa gaariin kennitan, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’uu beekaa.

Badiin isin irra hin jiru yoo Dubartoota odoo isaan hin tuqin yookiin mahrii isaanii isaaniif hin murteessin hiiktan, kennaa itti fayyadaman isaaniif kennaa. Qabaatarratti akkaatuma dandeettii isaatiin, Hiyyeessarrattis akkaatuma dandeettii isaatiin bifa gaariin kennaa (isaan itti fayyadamanu kennuu qaba). Kuni warra toltuu hojjatan irratti dirqama.

Salaatowwan irratti,tikfadhaa keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti. Haala Rabbiif ajajamoo taataniin dhaabbadhaa.

Isin irraa isaannan du’anii, niitiiwwan (of duubatti) dhiisan, niitiiwwan isaaniitiif haadhaamanii. (qabeenya dhiisanii du’an irraa) waan odoo mana isaanii irraa hin baafamne hanga waggaa tokkoo isaan itti fayyadaman. Yoo isaan (niitiiwwan fedha isaanitiin) bahan,badiin isin irra hin jiru, waan beekamaa irraa isaan lubbuu isaanii keessatti hojjataniif. Rabbiinis injifataa, ogeessa.

Dubartoonni hiikaman haala beekamaan qananiifamuu qaban. (Kun) warra Rabbiin sodaatan irratti haqa.

Nabbiyyiin isaaniis isaaniin ni jedhe: "Dhugumatti, mallattoon mootummaa isaa sanduuqni isinitti dhufuudha.kan isa keessa tasgabbiin Gooftaa keessan irraa ta’ee jiru. kan hanbaan waan maatiin Muusaafi maatiin Haaruun dhiisan irraa ta’e isa keessa jiru. malaa’ikoonni isa baadhatan (isinitti dhufuudha), Dhugumatti,kana keessa mallattootu isiniif jira yoo mu’uminoota taataniif.

Xaaluut yeroma waraana (isaa) tiin achi bahe ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin laga wahiitiin isin mokkoraadha.namni isa irraa dhuge anarraayii miti, Namni isa hin dhandhamin immoo anarraayy, Nama harka isaatiin hammaarrii tokkittii hammaarrate malee.isa irraa dhugan nama Muraasa isaan irraa ta'e malee. Yeroma isaafii warri isaa wwajjin amanan isa qaxxaamuran, (warri dhugan) ni jedhan: "Har'a Jaaluutiifi waraana isaa irratti dandeettiin nuuf hin jiru." Warri Rabbiin wal qunnamoo ta'uu isaanii dhugoomsan ni jedhan: "Garee muraasa heddutu hayyama Rabbiitiin garee baay’ee injifate." Rabbiinis warra obsan wajjin jira.

Yookiin akka isaa ganda irra dhufee haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun "akkamumatti Rabbiin du’a ishee booda ishee kana jiraachisa!" jedhee (gara isaa hin ilaallee?). Rabbiin isa ajjeesee waggaa dhibba (tursiise). ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen. "Guyyaa tokko, yookiin garii guyyaan ture" jedhe. (Rabbiiniis) ni jedhe: "miti waggaa dhibba turte, Mee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne, Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone). gara lafeelee ilaali Akkamitti akka isii walitti qabnuufi ergasii foon itti uffifnu ." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe.

Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka jiraachiftu natti agarsiisi" jedhe [yaadadhaa]. (Rabbiiniis) "Sila ati hin amannee?" jedhe. (Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe. "Simbira irraa afur qabi, gara keetti fuudhii (isaan kukkuti), Sana booda muraa isaanirraa tahe gaara hunda irra kaayi, Ergasii isaan waami; daddafanii sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessaa beeki jedhe.

Yoo (kan deyniin irra jirtu) rakkataa tahe hanga argatutti eeggachuutu (isin irra jira), (Isaanitti) saddaqachuutu irra isiniif caala. Yoo kan beektan taataniif (sadaqadhaa).

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا تَدَايَنتُم بِدَيۡنٍ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى فَٱكۡتُبُوهُۚ وَلۡيَكۡتُب بَّيۡنَكُمۡ كَاتِبُۢ بِٱلۡعَدۡلِۚ وَلَا يَأۡبَ كَاتِبٌ أَن يَكۡتُبَ كَمَا عَلَّمَهُ ٱللَّهُۚ فَلۡيَكۡتُبۡ وَلۡيُمۡلِلِ ٱلَّذِي عَلَيۡهِ ٱلۡحَقُّ وَلۡيَتَّقِ ٱللَّهَ رَبَّهُۥ وَلَا يَبۡخَسۡ مِنۡهُ شَيۡـٔٗاۚ فَإِن كَانَ ٱلَّذِي عَلَيۡهِ ٱلۡحَقُّ سَفِيهًا أَوۡ ضَعِيفًا أَوۡ لَا يَسۡتَطِيعُ أَن يُمِلَّ هُوَ فَلۡيُمۡلِلۡ وَلِيُّهُۥ بِٱلۡعَدۡلِۚ وَٱسۡتَشۡهِدُواْ شَهِيدَيۡنِ مِن رِّجَالِكُمۡۖ فَإِن لَّمۡ يَكُونَا رَجُلَيۡنِ فَرَجُلٞ وَٱمۡرَأَتَانِ مِمَّن تَرۡضَوۡنَ مِنَ ٱلشُّهَدَآءِ أَن تَضِلَّ إِحۡدَىٰهُمَا فَتُذَكِّرَ إِحۡدَىٰهُمَا ٱلۡأُخۡرَىٰۚ وَلَا يَأۡبَ ٱلشُّهَدَآءُ إِذَا مَا دُعُواْۚ وَلَا تَسۡـَٔمُوٓاْ أَن تَكۡتُبُوهُ صَغِيرًا أَوۡ كَبِيرًا إِلَىٰٓ أَجَلِهِۦۚ ذَٰلِكُمۡ أَقۡسَطُ عِندَ ٱللَّهِ وَأَقۡوَمُ لِلشَّهَٰدَةِ وَأَدۡنَىٰٓ أَلَّا تَرۡتَابُوٓاْ إِلَّآ أَن تَكُونَ تِجَٰرَةً حَاضِرَةٗ تُدِيرُونَهَا بَيۡنَكُمۡ فَلَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَلَّا تَكۡتُبُوهَاۗ وَأَشۡهِدُوٓاْ إِذَا تَبَايَعۡتُمۡۚ وَلَا يُضَآرَّ كَاتِبٞ وَلَا شَهِيدٞۚ وَإِن تَفۡعَلُواْ فَإِنَّهُۥ فُسُوقُۢ بِكُمۡۗ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ وَيُعَلِّمُكُمُ ٱللَّهُۗ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ [٢٨٢]

Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii yoo walii liqeessitan isa barrreessaa, Barreessaan gidduu keessanitti haqaan haa barreessu, Barreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didin. Haa barreessu; Inni liqiin isa irra jiru haa dubbisuu, Allaah gooftaa isaa haa sodaatu. Isa irraas homaa hin hir’isin. Yoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haqaan haa dubbisu, Ragaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaa. Yoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaa. Ragoonnis yeroo waamaman hin didin. Xiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaa. Kanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodha. yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate malee, ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiru. Yeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaa. barreessaafii raga bahaan miidhamuu hin qabu. Yoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessani. Rabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisa. Rabbiin waan hunda beekaadha.

Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. "Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu" (jedhan). "Nuti dhageenye; ajajamnes. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna). Deebiinis garuma keeti" jedhan.

Rabbiin lubbuu tokkos dandeettii isheetiin malee hin dirqisiisu. (Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wamti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a). "Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisin. Irras nuuf dabri; nuuf araaramis Rahmatas nuuf godhi. Ati gargaaraa keenya, Ummata kaafirootaa irrattis nuuf tumsi.