عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Pilgrimage [Al-Hajj] - Oromo translation

Surah The Pilgrimage [Al-Hajj] Ayah 78 Location Maccah Number 22

Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti (Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbiti. Namoota (sodaa irraa) machaa’oo agarta, Isaan waa machaa'oo miti. Garuu azaaba Rabbiitu garmalee cimaadha.

Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaa isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.

Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, eegasii dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin (irraa isin uumne); (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga qaaxaroo maqaa dhawamaa taheetti gadaamessaalee keessa teessifna, ergasii daa’ima goonee isin baafna (dhalachiifna). Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraa nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira. isin irraa nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira Erga beekkomsaatii akka homaa hin beekneef, Dachii gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti.

Namoota irraa kan beekumsa malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira. (akkasuma) qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee.

Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira). Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jira. Guyyaa Qiyaamaa azaaba gubaa ta’e isa dhandhamsiifna.

“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama). Dhugumatti, Allaahn gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.

Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhata, Jaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!

Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.

(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman.

Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota isa (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti sababa miidhaatiin jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.

Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)

(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.

(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.

Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. Sana booda iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.

Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.

Foonoowwan isaaniitiifi dhiigowwani isaaniis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi.

Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha.

Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin irra jabaa, injifataadha.

Jiraattonni Madyanis (akkasuma), Muusaanis sobsiifamee jira, Ani kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.

Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).

Magaalota irraa meeqaatama tan Ani yeroo isheef kennee, haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin ergasii (adabaan) ishee qabee, deebiin gara kiyya.

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”

Waan sheyxaanni darbu san isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneewwan isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise). Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.

Isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman. Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti.

(Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.

Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudha, ilmi namaa akkaan (Rabbitti) kafaraadha.

Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirra. Kanaafuu (mushrikoonni) dhimma kana irratti akka siin hin falmine. Gara Gooftaa keetiitti waami. Ati karaa qajeelaa irra jirta.

Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaan isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaru. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru.

Inni wantoota fuuldura isaaniitiifii wantoota duuba isaaniitis hunda ni beeka, Wantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti.