عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Light [An-Noor] - Oromo translation

Surah The Light [An-Noor] Ayah 64 Location Maccah Number 24

Dubartii (heeruma dura) sagaagaltuufi dhiira (fuudha dura) sagaagalu tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaa, Yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatin, adabbii isaan lamaanii gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu.

Dhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhu, Dubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhu, Sun mu’uminoota irratti dhorgamee jira.

Isaan niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessan kan lubbuulee isaanii malee ragaaleen isaaniif hin jirre, rageessuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudhaan rageessuudha.

(Ragaan) shaneessituun abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu yoo inni namoota sobaan (maqaa ishee xureessan) irraa ta’e, ( jechuun kakachuudha).

(Ragaan) shanessituu abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e" (jechuudha).

Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adaba ture), Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa

Dhugumatti, isaan (Aa’ishaa iratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidha, Isa isiniif hamtuu hin se'inaa, Inumaa inni isiniif caalaadha, Nama isaan irraa ta’e hundaafuu, hamtuu irraa wantuma inni carraaqqatetu isaaf jira. Isa isaan irraa (soba) guddaa baadhate immoo adabbii guddaa ta'etu isaaf jira.

Maaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, lubbuulee isaaniitiif (wal jiddutti) toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban?

Yeroo isin arraboota keessaniin olola isaa ooftanii, afaanoowwan keessaniinis waan beekkomsa isatti hinqabne jettan, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture).

Odoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, (silaa isin adabbii ture) Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha.

Guyyaa Arraboonni isaanii, harkoowwan isaaniitiifi miilleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).

Dubartoonni badoon dhiirota badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’u, Dubartoonni gaggaariin dhiirota gaggaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaggaariifi. Isaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoodha. Isaaniif araaramaafi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira.

Mana namni keessa hin jiraanne kan ishee keessa meeshaan keessan jiru (hayyama malee) yoo seentan badiin isin irra hin jiru, Rabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitanis ni beeka.

Mu’uminootaan “(ija keessan gadi qabadhaa)” jedhi, ijoowwan isaanii gadi qabatu; qaamoowwan saalaa isaaniis ni tikfatu, Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti, Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti.

Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu; miidhagsituu isaanii dhiirsoowwan isaaniif malee akka hinmul'ifne, yookiin abbootii isaaniif, yookiin abbootii dhiirsoowwan isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsoowwan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin hordoftoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaamoowwan saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) (malee miidhagina isaanii hin mul’isin). Miidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miiloowwan isaaniitiin dachii hin dhiitin. hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha.” (jedhiin).

Isin irraa konfoleysota (dhiiraas ta’ee dubaratii hin fuudhin) fuusisaaGabroota keessan kan dhiiraatiifi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa)Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsaRabbiin dureessa, beekaadha.

Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, (uf haaqaban) kabajaa ofii haa eeggatan. Gabroota too’annaa keessan jala jiran gidduu yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaa. Qabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaa. Shamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaa barbaaduuf jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaa. Namni isaan dirqe, Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha.

Manneen (masjiidoota) keessatti kabajamuufi maqaan isaa ishee keessatti dubbatamuutti (faarfamuutti) Rabbiin ajaje, ishee keessatti ganamootaafi galgalootas Isa qulqulleessu.

Dhiironni daldalas ta’ee gurgurtaan yaadannoo Rabbii irraafii, salaata dhaabuufi zakaa kennuu irraa isaan hin dagnetu (ishee keessatti Rabbi faarsa) guyyaa isa keessa onneewwaniifi ijjoonni gara gaggaltu kan sodaatan ta’anii (ishee keessatti Rabbiin qulqulleessu).

Akka Rabbiin irra gaarii waan isaan dalaganii isaaniif galata galchee, tola Isaa irraas isaaniif dabaluuf (Isa sodaatu). Rabbiin nama fedhe herrega malee soora.

Yookiin akka dukkana galaana gadi fagoo ta’e keessa jiru, kan danbaliin isa haguugeeti, kan gubbaa isaa danbaliin (biraa) jiru kan isa gubbaa duumessi jiru (haguuguuti), (Isheen kun) dukkana gariin ishee garii gubbaa jirtuudha; yeroo harka isaa baase argutti hin dhihaatu, Namni Allaahn ifaa isaaf hin taasisin, ifaan homaatuu isaaf hin jiru.

Ati hingarree Allaah wanti samiileefi dachii keessa jiran isa qulqulleessan. allaattiinis koola (qoochoo) isaanii diriirsanii (Isa qulqulleessan) (faarsan)? Hunduu dhugumatti, Isaaf sagaduufi Isa qulqulleessuus beekaniiru, Rabbiin waan isaan dalagan beekaadha.

Yoo dhugaan isaaniif jiraate immoo ariifatoo ta’anii gara isaa (ergamaa) dhufu.

Sila onneelee isaanii keessa dhukkubni jiramoo, moo nishaan, moo Rabbiifi ergamaa Isaatu dabaan (haqa malee) isaan irratti murteessaa sodaatu? Lakkii; isaan isaanumatu miidha raawwattoota.

(Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiru, Naafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiru, Dhukkubsataa irraas rakkinni hin jiru, lubbuulee teessan irrattiis manneen keessan irraa nyaachuuf diliin isin irratti hinjiru, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas, yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuu isaa dhuunfattan irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa (nyaachuu keessatti diliin isin irra hin jiru). Walii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatu, Yeroo manneen seentan lubbuulee teessanirratti salaammadhaa. salaamataa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa). Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa akka xiinxaltaniif.