عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Poets [Ash-Shuara] - Oromo translation

Surah The Poets [Ash-Shuara] Ayah 227 Location Maccah Number 26

Xaa Siin Miim.

Tun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti.

(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama.

Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormoowwan isaanii isheedhaaf gadi jedhoo taati ture.

Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiru. Oduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira.

Sila isaan gara Dachii hin ilaallee akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine?

Yeroo Gooftaan kee Muusaa waame [yaadadhu] “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee].

“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]. Sila Rabbiin hin sodaatanii?”

[Muusaan] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.

[Yoo na sobsiisan] qomti kiyya ni dhiphata. Arrabni kiyyas hin diriiru. Kanaafuu gara Haaruunitti ergi.

Isaaniif yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”

[Rabbiin] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu) Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaa, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”

“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa].

[Fir’awni] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?

Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) san hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].

[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.

[Muusaan]: “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.

[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.

[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.

[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.

[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.

[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.

[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.

[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.

[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.

Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.

[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe.

“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).

[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota keessatti walitti qabdoota ergi.

Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”

Namootaanis ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);

Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”

[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe.

Muusaanis ulee isaa ni darbate, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.

Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan.

[Fir’awni] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti [waan ta’u] beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi Lukoowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”

Gara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun.

Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.

[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.”

Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.

Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne.

“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.

[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?

Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”

[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?

Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).

Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi.

Guyyaa isaan (gabroonni) kaafaman na hin xinneessin.”

[Guyyaa] Jannanni warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte.

[Guyyaa] Ibiddi jahannam jallattootaaf muldhifamte.

[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame.

“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isiniif tumsuu? Yookiin ni tumsamuu?”

Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbamanii konkolaatan..

Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.

Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.

Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii.

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.

Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”

[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”

[Nuuh] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya ummanni koo na sobsiisaniiru.

Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessi, Anaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraari.”

Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsiifne.

Yeroo obboleessi isaanii Huud “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii? isaaniin jedhe.

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

Sila isin kan [nama tarutti] qishnitan taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?

Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?

Yeroo [namoota adabbiif] qabdan gara jabeeyyii taatanii qabdan.

Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].

[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo gorsitoota irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa.

Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?

Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,

Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)

Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].

[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.

Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?

Waan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].

[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”

[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.

Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”

Dullattii warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee.

Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.

Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”

Isa sobsiisan, Adabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabate, Dhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.

Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati.

Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e.

onnee kee irratti [buuse] Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha.

Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.

Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,

Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onneewwan badi raawwattootaa keessa seensifne.

Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,

Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?

Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.

[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.

Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.

[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.

Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].

[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].

Wanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.

Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.