عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

THE ANT [An-Naml] - Oromo translation

Surah THE ANT [An-Naml] Ayah 93 Location Maccah Number 27

Mu’umintootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha.

Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; [deemeetin] ishee irraa odeeffannoo [waa’ee karaa] isiniif fida. Yookiin immoo xombooraa qabsiifamaa wahii isiniif fida akka isin ho’ifattaniif” jedhe [yaadadhu].

Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’es qulqullaahe.

Nama miidhaa dalagee ergasii hamtuu boodaan toltuu bakka buuse malee. Ani [isaaf] araaramaa, rahmata godhaadha.

Yeroma mallattoowwan keenya ifa taatee isaanitti dhuftu “kun Sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan.

(Allaatichi) [Yeroo hanga] fagoo hin taane turee ni jedhe: “waan ati hin barin bareen jira, Saba’i irraas oduu dhugaa ta’een sitti dhufeera.

Allahn Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruInni Gooftaa arshii guddaati.” {1}

[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugaa jetteefi warra sobdoota irraa taatee kee fuuldura ilaalla.

[Mootittiin yeroo xalayaa gartu] ni jette: “isin Yaa qondaaltota [kiyya]! ani xalayaan kabajamaan natti darbameera.

Inni Suleymaan irraayyi, Innis [qabiyyeen isaa] ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin’.

Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”

Ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhimma kiyya irratti yaada na akeekaa; Ani hangan isin hirmaattanitti dhimma kamillee murteessitu hin taane.”

Gara isaanii deebi’i, Nuti waraana isaan dura dhaabbachuudandeettiin isaaniif hinjirreen isaanitti dhufna, Ishee irraa salphinaan xiqqaatoo ta’anii isaan baafna.”

Ni jedhe: “Yaa qondaaltota [kiyya]! eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufe ?”

Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru ni jedhe: “Ani [libsattee] odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida.” [Suleymaan] yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyi. Akka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf [kana godhe]. Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiif. Namni kafare [isuma irratti]. Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” [jedhe]

Ni jedhe: “siree ishee isheef wallaalchisaa [Siree ishee beekuutti] ni qajeelti moo warra hin qajeelle irraa taatii ilaalla.”

Yeroma isheen dhuftu sireen kee akka kanaa jedhame, Isheenis “inni akkuma waan isaati” jette. [Suleymaanis] “dura ishee beekumsa kennamnee, Muslimtoota taaneerra” (jedhe).

“Gamoo seeni” isheedhaan jedhame, Yeroma isa argitu haroo isa seetee, mogolee ishee lamaan irraa saaqxe, [Suleymaan] ni jedhe: “Inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee [bishaan keessaan mul’atuudha].” [Isheenis] “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu Tiyya miidheera, Suleymaaniin wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette.

Dhugumatti, gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalih “Allaah qofa gabbaraa” jechuun erginee jirra, Yerama san isaan garee lama tan walfalmitu tahan.

[Saalihis] ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarsiifattu? maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne Akka rahmanni isinii godhamuuf?”

[Isaan] “Nuti siifi namoota si waliin jiraniin hooddane (milkii laallanne)” jedhan, [Saalihis] nijedhe "hooddannaan keessan Rabbiin bira, Garuu isin ummata mokkoramoodha”.

Isaafi maatii isaa ni baraarre, niitii isaa malee warra [adabbii keessatti] hafan irraa ta’uu ishee murteessine.

(Yaa Muhammad) Jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti, nageenyi gabroota Isaa kan [Inni] filate irra haa jiraatu, Sila Rabbi moo wantoota isaan [Isatti] qindeessantu caala?”

Sila Inni samiileefi dachii uumee, samii irraa bishaan isiniif buusee ergasii ashaakiltiiwwan miidhagoo ta’an isaan magarsine [akka isa homaa hin uumneetii]? Mukkeen ishee biqilchuun (dandeettiin) isiniif hintaane, Sila Allaah wajjin gooftaan biraa ni jiraa? Isaan ummata Rabbitti qixxeessaniidha.

Sila Isa dachii tasgabbooftuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef (gaarreen) gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo [warra isaan isatti dabalantu caala]? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu.

Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa owwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala?] Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha.

Sila isa dukkanoowwan dachii goggoyduufi galaanaa keessatti isin qajeelchu; kan qilleensa rahmata Isaa dura gammachiisaa godhee ergu (caalamoo warra isaan Rabbii achitti gabbarantu caala?) Sila Rabbii wajjiin gabbaramaan biraa ni jiraa? Allaahn waan isaan [Isatti] qindeessan irraa ol ta’e.

Sila inni uumuu jalqabee ergasii isa deebisu eenyu? Ammas eenyutu dechiifi samii irraa hiree isiniif hira? Sila gabbaramaan biraa Allaah wajjin ni jiraa? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa” jedhi.

Sila beekumsa isaaniitu waa’ee Aakhiraatti dhaqqabee? Lakkisaa isaan ishee irraa shakkii keessa jiru; dhugumatti isaan ishee irraa jaamoodha.

“Gariin wanta isin ariifachiifattanii kan isinitti dhihaate ta’uun dhugaadha” jedhi.

Dhugumatti, Rabbiin kee waan qomoonni isaanii dhoksiteefi waan isaan ifatti mul’isan ni beeka.

Namoota jaamaa jallina isaanii irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. Namoota Muslimtoota ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee kan dhageessiftu hin taane.

Guyyaa ummata hunda irraa garee warra keeyyattoota keenya sobsiisan irraa ta’an walitti qabnee isaan walitti ittifaman [yaadadhu].

Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argameKanaafuu isaan sababa hin dhiheeffatanu.

Sila isaan hinlaallee Akka nuti halkan yeroo isa keessa boqataniifi guyyaa immoo kan keessa arganii (hojjatan) isaaniif goone. Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.

Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu wantoonni samii keessa jiranuufi dechii keessa jiran hunduu wantoota Rabbiin fedhe malee yeroo isaan rifatan [wanta ta’u yaadadhu] Hundumtuu salphatoo ta’anii gara Isaa (Rabbii) dhufan.

Namni hamtuun dhufe (dalage) fuulleen isaanii ibidda keessatti gonbifamtee “sila waan dalagaa turtan malee mindeeffamtuu?” [isaaniin jedhama].

“Faaruun hundi kan AllaahtiInnis fuulduratti mallattoolee Isaa isinitti agarsiisa. Isinis ishee beekuuf jirtu” jedhiin. Rabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti.