عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Story [Al-Qasas] - Oromo translation

Surah The Story [Al-Qasas] Ayah 88 Location Maccah Number 28

Xaa Siin Miim.

Jaartiin Fir’awn ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [isheen bulan].

[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre[Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen.

“Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyya miidheeraa Ati naaf araarami” jedhe. Innis isaaf araarame. Dhugumatti, Inni Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.

Gurbaan tokko moggaa magaalattii irraa fiigaa dhufee “Yaa Muusaa! qondaalonni [Fir’awn] si ajjeesuuf sirratti mari’achaa jiru; ani namoota toltuu siif yaadan irraayii [magaalattii irraa] bahi” jedhe.

Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe, “Yaa Rabbii kiyya! Ummata miidhaa hojjattoota ta'an jalaa nagaya na baasi” jedhe.

Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan?” (isaaniin) jedhe. Isaanis “Nuti hanga tiksitoonni obaasanii geeffatanitti hin obaafnu, Abbaan keenya jaarsa guddaadha” jedhan.

Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee “yaa Gooftaa kiyya! ni toltuu irraa waan Ati narratti buufte (naaf murteessite)tti haajomaadha” jedhe.

Tokkoon Isaan lamaanii “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadi. Dhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette

[Muusaanis] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiiti, Beellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa narratti dabruun hin jiru. Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.”

“Ulee kee darbi” [jechuunis itti lallabame]. Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, of duuba deebi’ee dheesse; uf duuba hin mil’anne“ Yaa Muusaa! As garagali; hin sodaatin, ati warra nagaa bahan irraayi” [jedhameen]

“Harka kee bobaa kee keessa seensisi. Fokkina tokko malee adii taatee baati. Sodaa irraa [bilisa ta’uuf] harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi.[] Isheen kun lamaan mallattoo lama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awniifi qondaaltota isaatti ergamaniidha. isaan namoota finciltoota tahan.”

Innis: “Yaa Gooftaa kiyya! ani isaan irraa lubbuu (nama) tokko ajjeeseen jira. Na ajjeesuun sodaadha” jedhe.

“Obboleessi kiyya Haaruun, inni arrabni isaa ana caalaatti [haasawa] ifa godha, Kanaafuu gargaaraa na dhugoomsu godhii ana waliin isa ergi, Ani na sobsiisuu isaaniin sodaadha.”

[Rabbiinis] ni jedhe: “Nuti fuulduratti irree kee obolleessa keetiin jabeessinee isin lamaaniifis aangoo goona. Kanaafuu (hamtuun) gara keessan hin ga’anu. Mallattoolee keenyaan isin lamaaniifi namoonni isin hordofan injifatoodha.”

[Yaa Muhammad] yeroo Nuti ergaa (keenya) gara Muusaatti dabarsine ati moggaa (tabbaa kan) gara dhihaa irra hin turre; hirmaattota irraas hin taane.

Haa ta’u malee Nuti [sana booda] dhaloota baay’ee uumnee waggoonni isaan irratti dheerannaan [si ergine]. Ati jiraattota Madyan gidduus jiraataa taatee, keeyyattoota keenya isaan irratti kan dubbiftu hin taane. Haa ta’u malee Nuti [ergaa kanaan si] ergoo taanee jirra.

Yeroo Nuti [Muusaatti] lallabne ati gaara Xuur maddii hin turre. Haa ta’u malee rahmata Rabbii kee irraa ta’een [si ergine]. ummata siin duratti akeekkachiisaan itti hin dhufin haa gorfamaniif akka akeekkachiiftuuf jecha.

Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “Inni maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhan. Sila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turree? “[Tawraatiifi Qur’aanni] Sihrii lama kan wal gargaaraniidha” jedhan. “nuti hundattuu kafaroodha” jedhan.

[Yaa Muhammad] “ jedhi mee kitaaba Rabbiin biraa ta’e isaan lamaan irra qajeelaa ta’e qabadhaa kottaa. [Yoo san] anis isa nan hordofaa” yoo dhugaa kan dubbattan taataniif.

[Isaan] “yoo si waliin karaa qajeelumaa hordofne dachii teenya irraa butamna (guuramna)” jedhan. Sila nuti [iddoo] kabajamaa, nagayaa, soorata Nu biraa ta’eef fuduraaleen wanta hundaa gara isheetti kan guuramu isaaniif hin mijeessinee? Haa ta’u malee irra hedduun isaanii hin beekanu.

[Warra] gandaa irraas kan jireenya ishee keessatti boontee ishee balleessine meeqaa meeqa? (hedduudha) Isheen sun gandoota isaanii kan isaaniin booda xiqqoo malee keessa hin jiraataminiidha. Nutis dhaaltota taaneerra.

Rabbiin kee [warra] magaalotaa hanga irra guddoo ishee keessatti ergamaa keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisu ergutti kan balleessu hin taane. Nuti (warra) magaalotaa qubattoonni ishee miidhaa hojjattoota ta’anii malee kan balleessinu hin taane.

Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofa. Wanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadha, Sila hin xiinxaltanuu?

Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii?

Guyyaa [Rabbiin] “Hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu].

“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeni, Isaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni argan. Odoo qajeeluun isaanii argameera ta’ee [adabbii hin argan turan].

Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhu [yaadadhu].

Inni Allaahdha, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Faaruun hundi duraafii (addunyaafi) booda (Aakhiraa) keessatti kan Isaati. Murtiinis kan Isaati, Garuma Isaa qofa deebifamtu.

Guyyaa [Rabbiin] “hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu].

[Qaaruun] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedhe. isa dura Rabbiin balleessee hin beeknee? Dhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’ee ta’e. Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafatamanu.(1)

Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti (Makkaatti) si deebisa. “Rabbiin kiyya nama qajeelumaan dhufeefi nama jallina ifa bahaa ta’e keessa jiru beekaadha” jedhi.

Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa hin kadhatin (hin gabbarin). Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Fuula (zaata) isaa malee wanti hundi dhabamaadha. Murtiinis kan Isaati, Garuma Isaatti deebifamtu.