عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Romans [Ar-Room] - Oromo translation

Surah The Romans [Ar-Room] Ayah 60 Location Maccah Number 30

Alif Laam Miim.

Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman). Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni mo’atu.

Tumsa Allaahtiin (gammadu). (Rabbiin) nama fedhee ni tumsa. Inni injifataa, rahmata godhaadha.

Warra isaan Rabbitti dabalan irraa araarsitoonni isaaniif hin argamu. Isaan qindeeffamtoota isaaniitti kafaroota (mormitoota) tahan.

Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, guyyaa san (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan babahu.

Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa).

Samiileefi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis (isa faarsaa).

mallattoolee isaa (Rabbii) irraayyi biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuun. san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u taatan.

Mallattoolee isaarraa hangaasuu isin garsiisa Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun. kana keessa namoota aqlii (sammuu) qabaniif mallattooleetu jira.

(Rabbiin) lubbuulee keessan irraa fakkeenya isiniif taasise. Sila waan harki mirgaa keessan horatte (Gabroota keessan) irraa soorata isiniif kennine keessatti shariikni isin isa (sooraticha) keessatti walqixa taatanii akka lubbuulee keessan (nama gita keessanii) sodaattanitti isa sodaattan, isiniif ni jiraa? Akka kanatti namoota aqlii qabaniif keeyyattoota adda babaasna.

Gara Isaatti deebi’oo ta’uun (diinii Isaa qabadhaa); Isa sodaadhaa. Salaatas (haqaan) sagadaa. Mushrikoota irraa hin ta’inaa.

Isaan amantii isaanii gargar qoqqoodaniifi garee garee ta’an irraas (hin ta’inaa). Gareen hunduu waan isaan bira jirutti gammadu.

Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatu. Sana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.

Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu). (addunyaa irratti) qanani’aa (Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu.

Wanti dhala irraa qabeenyaalee namaa keessatti haa dhaluuf isin kennitan Rabbiin biratti hin dhalu. Garuu zakaa irraa wanti isin fuula Rabbii feetanii kennitan, (isatu isiniif dhala) Jarri sun (kennattoonni) isaantu (mindaa) dachaa argamsiisoodha.

Allaahn Isa isin uume San booda kan soorata isiniif kenne, Sana booda isin ajjeesa, Sana booda isin jiraachisa, Sila warra isin Rabbitti qindeessitan irraa kan wantoota kanneen irraa waan tokko dalagan ni jiruu? (Rabbiin) wantoota isaan isatti qindeessan hunda irraa qulqullaa’ee ol ta’e.

sababa waan harki namaa hojjatteetiin dachiifi galaana keessattis badiin mul’ate,Garii waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, Deebi’uun isaaniis ni kajeelama.

Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u.

(Yaa Muhammad!) ati du’aa hin dhageessiftu. Nama duudaawwanis waamicha hindhageessiftu, yeroo isaan of duuba deebi’anii garagalan.

(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. (Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu.

Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatu. Akkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan.

Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti namootaaf fakkeenya hundarraa goonee jirra. Garuu (Yaa Muhammad!) yoo ati mallattoo wahiitiin isaan itti dhufte warri kafaran “isin kijibdoota malee waan biraa hin taane” jedhu.

(Yaa Muhammad!) Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Isaan (Qiyaamaa) hin dhugoomsine akka si hin xiqqeessine.