The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesLuqman [Luqman] - Oromo translation
Surah Luqman [Luqman] Ayah 34 Location Maccah Number 31
Alif Laam Miim.
Tun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti.
Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame).
Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa.
Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Namoota irraa nama haasawa taphaa bituutu jira. beekumsaan ala karaa Rabbii irraa ittiin (nama) jallisuuf, meeshaa taphaa taasifachuuf. Isaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira.
Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, boonaa ta’ee irraa garagala akka waan hin dhaga’iniitti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, Adabbii laalessaan isa gammachiisi.
Isaan amananii gaggaarii hojjatan jannatoota qananiitu isaaniif jira.
Ishee keessa zalaalam jiraatoo tahanii (ishee seenu). Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif gale. Inni injifataa, ogeessa.
Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartu. Gaarreen (gadi dhaabdota) dachii keessa kaaye, akka (dachiin) isiniin hin sochooneef. Lubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaase. Bishaan Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hundarraa ishee keessatti magarsine.
Kun uumaa Rabbiiti. Mee waan isaan Isaa gadii uuman na agarsiisaa. Dhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru.
Dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra.“Rabbiif galata galchi. Namni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti) Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun).
(yaadadhu) Yeroo Luqmaan ilma isaatiin jedhe odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha”.
Namaaf haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaa dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti, “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi, Deebiin gara kiyyatti” (jechuun isa ajajne).
Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara kiyya deebi’ee hordofi. Sana booda deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa.
(Luqmaan) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala firii raafuu taatee, yoo dhagaa guddaa yookiin samiilee yookiin dachii keessa taate, Rabbiin ishee fida. keessa beekaa rahmata godhaadha.
Yaa ilma kiyya! Salaata sirritti sagadi. Toltuutti nama ajaji. Hamtuu irraa nama dhorgi. Waan si mudate irratti obsi. sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi.
[Boonaan] maddii (boqoo) kee namoota irraa gara hin galchin; dachii keessas of tuulaa hin deemin. Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu.
Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii, sagalee kee gadi qabi. irra jibbamaan sagaleewwanii sagalee harreeti.”
Sila akka Rabbiin wantoota samiilee keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuufi dhokattuus isin irratti dhangalaase hin argitanuu? Namoota irraa nama beekumsa, ragaafi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira
Yeroo “Waan Rabbiin buuse hordofaa” isaaniin jedhame “Lakkisaa; nuti waan abbootii keenya isarratti argine hordofna” jedhu. Oduma Sheyxaanni gara azaaba boba’aatti kan isaan waamullee ta’ee moo?
Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota (hundaatuu) gara Rabbiiti.
Namni kafare kufriin isaa si hin yaachisin. Deebiin isaanii gara keenya; waan isaan dalagan isaanitti ni odeessina. Allaahn beekaa waan qoma keessaati.
Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifna. Sana booda gara azaaba guddaatti isaan dirqisiifna.
“Samiileefi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi “Faaruun hundi kan Rabbiiti”, Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran (hundi) kan Allaahti. Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamiiwwan ta’ee, baharri booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumu. Rabbiin injifataa beekaadha.
Isin uumuufi isin kaasuunis akkuma lubbuu tokkittii malee hin taane. Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
Sila hingarree Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisee guyyaas halkan keessa seensisuu, aduufi ji’as haala hundumtuu hanga beellama beekamaatti deemanuun kan isaan laaffise ta’uu. Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
Kun waan Rabbiin Isatu dhugaa ta’eefi wantoonni Isaa gaditti isaan waammatan soba ta’eefi. Allaahn Isatu ol ta’aa, guddaadha.
Sila akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? (kuni) (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuufi. kana mallattooleetu jira akkaan obsitootaafii galateeffattootaa hundaaf .
Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatu. Yeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (kadhaa isaa iirraa) of qusatutu jira. Mallattoolee keenya waadaa diigaa, kafaraa hunda malee hin mormu.
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa. Guyyaa abbaan ilma isaa hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa homaa hin fayyadne san sodaadhaa. waadaan Rabbii dhugaadha. Jiruun addunyaa isin hin gowwoomsin. (Sheyxaanni) gowwomsaan (obsa) Rabbiitiin isin hin gowwoomsin.
Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jira. Roobas ni buusa; waan gadaamessaalee keessa jirus ni beeka. Lubbuun tokkos waan boru carraaqqattu hin beektu. Lubbuun tokkos dachii kamitti akka duutus hin beektu. Rabbiin beekaa, keessa hubataadha.