عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Coalition [Al-Ahzab] - Oromo translation

Surah The Coalition [Al-Ahzab] Ayah 73 Location Maccah Number 33

Nabiyyiin Mu’uminootatti lubbuulee isaanii irra itti aanaadha, jaartiiwwan isaa haadholee isaaniiti. Kitaaba Rabbii keessatti, warra firooma qabantu gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqa mu’iminootaafi godaantota caalaa. Garuu gara jaalalleewwan keessaniitti [dhaamsa dhaamuudhaan] gaarii yoo hojjattan [ni eeyyamama]. Kun kitaaba (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera.

(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe). Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira.

Yeroo munaafiqootaafi isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee wanta biraa waadaa nuuf hin goone” jedhan [yaadadhaa].

Yeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra madiinaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jatte [yaadadhaa]. Gareen isaan irraa ta’e nabiyyicha hayyama gaafate “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa)dha” jedhan, odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin, dheefa malee isaan waan biraa hin fedhanu.

Odoo (magaalattiin) moggaalee ishee (hundaan) isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turan. Ishee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turanu.

Mu’umintoonni yeroma gamtaalee diinaa argan “kun waan Rabbiifi ergamaan Isaa waadaa nuuf galani. Rabbiifi ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru” jedhu. Iimaanaafi (Rabbiif) ajajmuu malee wanta biraa isaaniif hin daballe.

Mu’uminoota irraa dhiirota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraa nama eeggataa jirutu jira. Jijjiirraa (kamillee) hin jijjiirre.

Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onneewwan isaanii keessatti sodaa darbe. Garii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu.

Keeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa). Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera

Dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.

Yeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen “Niitii kee qabadhu, Rabbiinis sodaadhu” jatteen [yaadadhu]. Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksite. Odoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes [yaadadhu]. Yeroo Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee si fuusifne Akka mu’uminoota irratti niitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.

Ganamaafi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa.

Inni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudha. Maleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkanoowwan keessaa gara ifaatti isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaaf akkaan rahmata godhaa ta’eera.

Guyyaa Isa qunnaman salaamtaan isaani ‘nagaan (isin irra haa jiraatuu)’dha, (Allaahn) mindaa gaarii ta’e isaaniif qopheesseera.

Hayyama Isaatiin gara Rabbiitti waamaafi ifaa (haqa) ibsaa ta’e goonee (si ergine).

Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf lubbuu ishee kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirra. Isaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirra. Akka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone) Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

Kana booda dubartoonni (biraa) siif halaal hin ta’anu; odoma bareedinni isaanii si dinqisiisellee bakka isaanii warra biraa jijjiiruunis, waan mirgi kee dhuunfatte malee (halaala siif hin ta’u) Rabbiinis waan hunda irratti too’ataa ta’eera.

Yaa warra amantan! manneen nabiyyii hin seeninaa, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee, Haala bilchina isaa hin eegneen, Garuu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nyaattan bittinnaa’aa haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti. Dhugumatti, (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata, Rabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatu, Yeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaa. Akkas gochuu keessantu onneewwan keessaniifi onneewwan isaaniitiifis irra qulqulluudha. Ergamaa Rabbii rakkisuufi niitiwwan isaa booda (du’a) isaatii fuuchuun gonkumaa isiniif hin malu, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera.

Waan tokko yoo mul'iftan, yookiin yoo isa dhoksitan (irratti galata galfamtan) Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.

Isaan (dubartoota) irratti abboota isaanii, ilmaan isaanii, obboleeyyan isaanii, ilmaan obboleeyyan isaanii, ilmaan obbleettiwwan isaanii, dubartoota isaaniitii (Muslimtootaatii) fi waan mirgi isaanii horatte (gabroota isaanii) biratti (miidhaagina isaanii mul’isuu) keessatti badiin isaan irra hin jiru. Allaah sodaadhaa. Rabbiin waan hunda irratti ragaa ta’eera.

Munaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi isaan Madiina keessatti shororkeessitoota ta’aniis yoo (badii isaanii kanarraa) hin dhorgamin, Nuti dhugumatti isaan irratti si kakaafna (moosifna); sana booda yeroo gabaabaaf malee ishee (Madiina) keessa sitti olloomanii hin jiraatan.

Abaaramtoota (ta’anii malee Madiinaa keessatti sitti hin ollooman). Iddoma argamanitti qabamanii ajjeefamiinsa (hamaa) ajjeefaman.

Zalaalam ishee keessa jiraatu, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan.

Guyyaa fuulleen isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan.

“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii, abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”(jedhan).