عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Saba [Saba] - Oromo translation

Surah Saba [Saba] Ayah 54 Location Maccah Number 34

Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan. “Akka isin jettanii miti, Rabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiin. Wanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu).

Isaan keeyyattoota keenya dadhabsiisoo ta’anii socho’an immoo, adabbii (gosa) azaaba laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.

“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu). Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru.

Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra. “Yaa gaarreenii! isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa sinbirris” (jenne). Sibiila isaaf laaffifnee jirra.

“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagi, Toltuuwwan dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha.

Suleeymaaniifis bubbee (laaffifne) (tan) waaree dura (karaa) ji’a tokkoo deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo balaliituu. Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirra. Jinnoota irraa warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jira. Isaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna.

Wanta inni barbaade isaaf hojjatu, Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan (guddinni isaa) akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa (isaaf hojjatan) “Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaa. Gabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen).

Dhugumatti, (warra) ‘Saba’iif’ iddoo jireenya isaanii keessatti mallattoon ta’eera. (Isheenis) oyruu lama gama mirgaafi bitaatiin kan taateedha. “Soorata Gooftaa keessanii irraa nyaadhaa; galata Isaaf galchaa.” (Biyyattiin keessanis) biyya gaariidha. (Rabbiin keessanis) Gooftaa araaramaadha” (isaaniin jedhame).

(Ajaja Rabbii irraa) gara galaniiti lolaa hidhaa irraa isaanitti ergine, Ashaakiltii isaan lamaaniis oyruu lama kan abbaa dhandhama hadhaa’aa, birbirsaafi qurquraa irraas waan xiqqoo (kan qabdutti) isaaniif jijjiirre.

Waan isaan kafaraniif sana galata isaanii galchine. (Adaba akka kanaa) akkaan kafaraa malee ni galchinaa?

Gidduu isaaniitiifi gidduu gandattii barakaa ishee keessatti gooneetti gandoota walitti dhaabbatan goone. hanga adeemsaas ishee keessatti ni safarre. “Ishee keessas halkanoowwaniifii guyyootas nagayaan deemaa.” (jenneen).

Isaanis “Yaa gooftaa keenya! Gidduu deemsa (karaa) keenyaa addaan fageessi” jedhan. Lubbuulee isaanii miidhan, oduuwwan isaan taasifnee, bittinneessuu guutuu isaan bittinneessine. sana keessa namoota akkaan obsaniifi akkaan Rabbiin galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.

(Yaa Muhammad!) “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaa, Samiileefi dachii keessatti waan hanga ulfina atomiillee hin qaban. Isaan lamaan (samiifi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiru. Isaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru.

Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyaddu. Yeroo onneewwan isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii (gaafatu). “Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu.

(Yaa Muhammad!) “Eenyutu samiileefi dachii irraa isin soora?” jedhi. “Rabbuma” jedhiin. Dhugumatti nuti yookiin isin qajeeluma irra yookiin jallina ifa ta’e keessa jirra” jedhiin.

“Isin badii nuti hojjanne irraa hin gaafatamtanu; nutis waan isin hojjattan irraa hin gaafatamnu” jedhiin.

“Gooftaan keenya walitti nu qaba; ergasiis dhugaadhaan gidduu keenyatti murteessa. Inni haqaan murteessaa, beekaadha” jedhiin.

(Yaa Muhammad! Warra mushrikaatiin) “Warra shariikota gootanii Isatti dhaqqabsiiftan san mee natti argisiisaa? Dhorgamaa! (Inni shariika hin qabu). Dhugumatti, Inni Allaah injifataa, ogeessa” jedhiin.

Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu.

“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisa. Garuu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin.

Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taane. Haa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jira. Isaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu.

“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kamirraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusa. Inni irra caalaa warra soorata kennaniiti.

(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu].

(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) (qulqullina siif malu) si qulqulleessinee; isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa. (Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanoodha” jedhan.

Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiru. Isaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenye. Ergamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine) adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali!)

(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofatti. Innis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessanitti (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniif. iInni adabbii cimaa dura isiniif (ergame) akeekkechiisaa malee waan biraa hin taane.

Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafi. Mindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taane. Innis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”

“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa (Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin.

(Yaa Mohammad SAW!) odoo yeroo isaan (ibidda arganii) rifatan agartee, (silaa waan guddaa agarta). Iddoon itti bahanis (isaaniif) hin jiru. Iddoo dhihoo irraa qabamanii jiru.

(Guyyaa Qiyaamaa) “Isatti amannee jirra” jedhu. Iddoo fagoo (biyya addunyaa) irraa (iimaana) fudhachuun akkamitti isaaniif mijjata?(1)

Gidduu isaaniitiifi gidduu waan isaan fedhaniitti akkuma san dura fakkaattota isaanii irratti godhametti haguuggiin godhamee jira. isaan shakkii cimaa keessatti ta’anii jiru.