عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Originator [Fatir] - Oromo translation

Surah Originator [Fatir] Ayah 45 Location Maccah Number 35

(Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiru. Dhimmoonni hundi gara Rabbiitti deebifamu.

Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine.

Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.

Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf

Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu.

(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.

Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.

Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti dabru malee hintaane.

Yoo si sobsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.

Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha.

Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.

Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira). Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira

(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.

Isaan ishee keessaa waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”

“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaa. Sila samiilee (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaaniif kenninee, kan isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.