عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Ya Seen [Ya Seen] - Oromo translation

Surah Ya Seen [Ya Seen] Ayah 83 Location Maccah Number 36

Yaa Siin.

Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha.

Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame).

Akka akeekkachiiftuufi Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan.

Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; isaan hin amananu.

Nuti mormoota isaanii irratti sakaallaalee goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi). isaan (mataa) ol fudhamoodha.

Nuti numatu du’aa jiraachifna. Waan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessina. Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra.

Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif).

(Ergamtoonnis) “Rabbiin keenya ni beeka nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan.

“ homtuu nurra hin jiru geessiinsa ifa ta’e geessuu malee .”

(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumna. Adabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan.

“Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhan. Sila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii miti Isinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan.

Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa.

Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa godhadhaa? kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadne isaaniis ana hin baraaran.

Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe] (Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan).

“Jannata seeni” jedhameen. Innis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa!

Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”

Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.

Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.

Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanuu?

Baatii buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne).

Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif uumneerra.

Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turre. Birmataan tokkos isaaniif hin jiru, Isaan hin baraarfamanus.

Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre).

Yeroo ''waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa akka rahmanni isiniif godhamuuf” isaanin jadhame (irraa gara galu)

Jedhan “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan.

“Har’a lubbuun tamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” (isaaniin jedhama).

Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.

Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.

“Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).

“Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?

“Isheen tun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha.

Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.

Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).(1)

Ishee isaaniif laaffifne. Gariin isheerraa yaabbii isaaniitiif oolu; garii isheerraa immoo ni nyaatu

Isaaniif ishee keessa faayidaaleefii dhugaatiiwwantu jira. Sila (Rabbiin) hin galateeffattanuu?

Isaan (isaaniif) tumsuu hin danda’an. Isaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha.