The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThose who set the ranks [As-Saaffat] - Oromo translation
Surah Those who set the ranks [As-Saaffat] Ayah 182 Location Maccah Number 37
(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)
(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis
(Isaan Qur’aana) dubbisiinsa dubbisaniinis.
Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Gooftaa bahoowwanitis.
Nuti samii addunyaa faaya urjiileetiin miidhagsineerra.
Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)
Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanu. Gama hunda irraa (urjiin) darbataman.
Ari’amuuf jecha (darbatamu) Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira.
Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa (fulla'aa) ta’e isa hordofe malee.
Mee Isaan gaafadhu, Uumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne.
Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.
Yeroo gorfamanis hin gorfamanu.
Yeroo mallattoo arganis ni baacu.
“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan.
“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamoodhaa?
Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?
(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.
Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu.
“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan.
“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama).
“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)
“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.
Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu.
Sila maal taataniiti waliif hin tumsine?”
Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha.
Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu.
Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”
Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini.
Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turre. Garuu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”
Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha.
Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].
Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha.
Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.
Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.
“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.
Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse.
Isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.
Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan.
gabroottan Rabbii qulqulluu malee.
Warri sun hiree (kennaa) beekamaa ta’etu isaaniif jira.
kabajamoo ta’anii fuduraaleen isaaniif taatuudha.
Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).
Haala walitti gara galoo ta’aniin sireewwan irratti ta’u.
Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama.
Adii, warra dhuganiif mi’ooytuu kan taate.
Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis.
Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira.
Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.
Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu.
Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.
Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu.
“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”
Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”
Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge.
Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!
Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”
(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?
Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”
Kun isumatu milkii guddaadha.
Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu.
Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?
Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.
Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha.
Firiin ishee akka mataalee sheyxaanotaati.
Isaan ishee irraa nyaatanii garaalee isaanii ishee irraa guuttatu.
Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira.
Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a.
Isaan abbootii isaanii jallattoota argan.
Isaan faanoowwan isaanii irra deemu.
Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru.
Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra.
Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali.
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.
Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!
Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine.
Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.
Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.
Sana booda warra kaan ni dhidhimsiifne.
Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi.
Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).
Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala godhachuu feetanii?
Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”
Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.
Ani dhukkubsataadha” jedhe.
Isa irraa gara galanii deeman.
Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.
Maal taatanii hin dubbanne?
Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.
(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.
(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?
Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”
(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”
Isaan shira isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.
Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.
(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”
Ilma obsaadhaan isa gammachiifne.
Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani manaama keessatti kan si gorra’un arge. Waan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”
Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.
Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne.
“Abjuu (kee) dhugoomsiteetta. Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”
Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha.
Gorra’amaa guddaadhaan isa furre.
Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.
Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu.
Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina.
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.
Is-haaqiin isa gammachiifne, nabiyyii warra gaggaarii irraa kan tae.
Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa goone. Sanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.
Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra.
Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.
Isaaniif tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’an.
Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine.
Karaa qajeelaa isaan qajeelchine.
Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
Ilyaasis ergamtoota irraayi.
Yeroo ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?
Sila ‘Ba’al’[1] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?
Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”
Isa sobsiisan. Kanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
Luuxiis ergamtoota irraayi.
Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].
Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.
Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.
Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.
Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?
Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi.
Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].
(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.
Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse.
Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan [1] irraa ta’uu baatee;
Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.
Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.
Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine.
Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine.
Ni amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne
(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmoon dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee?
Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu.
“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.
Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?
Maal taatan? Akkamitti murteessitan?
Sila hin gorfamtanuu?
Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira?
Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa.
Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhan. Malaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru.
Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.
Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).
Isiniifi wantoonni isin gabbartan.
Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.
Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee.
Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu.
.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.
Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.
Isaan (mushrikoonni) ni jedhu:
“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee,
Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”
(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaran. Fuula dura beekuuf jiraatu.
Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.
Isaan isaanumatu tumsamoodha.
Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte).
(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.
Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
Sila adabbii keenya jarjarfatanii?
Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.
(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.
Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.
Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu.
Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.