عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Women [An-Nisa] - Oromo translation

Surah The Women [An-Nisa] Ayah 176 Location Madanah Number 4

Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.

Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafii. Yoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.

Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo takka qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin dayniitiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan eenyuu isaaniitu bu'aa isiniif buusuutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.

walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jira. Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin Yoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira (Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Yoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jira. Yoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira. (Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Haala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa keessatti hirmaattota. (Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyi. Dhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame) Rabbiin beekaa, obsaadha.

Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.

 Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) sagaagalummaa hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaa. Yoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaa. Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.

 yoo niitii tokko bakka ishee biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun, isa irraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu?

 Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? bifa gariin keessan gara garii ga'ee jiruun kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa fudhatanii jiranuun.

 Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubarri keessans, obboleettiwwan keessans, adaadowwan keessans, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessans, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira.

 Dubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

 Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran keessan kan mu’uminaa kan harki keessan dhuunfatte (gabroottan) irraa (haa fuudhanu). Rabbiin iimaana keessan beekaadha. Gariin keessan garii irraayyi. Eeyyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaanii haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tikfamtoota ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa). Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jira. Kun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

 Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu barbaada, karaalee warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu (barbaada). Rabbiin beekaa, ogeessasi.

 Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi, qabeenyaalee isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan tumaa. Yoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaadha.

 Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo hin miidhu, Yoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna.

 Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?

Sila gara isaan lubbuulee isaanii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama fedhe (qofa) qulqulleessa. Hanga kirrii qola Timiraa hin miidhamanu.

Sila mootummaa irraa qoodni isaaniif jira moo? Yoggus hanga tuqaa (ija (killee) timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.

Isaan irraa nama isatti (Muhammaditti) amanetu jira. Isaan irraas nama isa irraa garagalee (namas irraa dhoowweetu) jira. Gubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.

Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti.

Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuu keessan ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa warra muraasa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganu. Odoo isaan waan itti gorfaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaadha. Akkaan (amantii isaanii) raggaasisas ture.

Silaa dhugumatti karaa sirraawaa isaan qajeelchina turre.

Dhugumatti, isin irraa nama (duula irraa) duubatti jedhutu jira. Kanaaf yoo balaan wahii isin tuqxe “Dhugumatti, Rabbiin na qananiisee jira. yeroo akka ani isaan waliin (duula irratti) argamu hin taasisin " jedha.

Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo -silaa dhugumatti inni akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii- “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” jedha.

Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasu. Odoo gara Ergamaatiifi gara abbootii taaytaa isaan irraa ta’anii isa deebisanii, silaa isaan irraa warri isa qoratan (xiinxalan) isa beeku turan. Odoo ni’imaan Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin muraasa (keessan) malee sheyxaana hordoftu turtan.

Yeroo kabajaa wahiitiin kabajamtan,(salaamataan isiniin jedhame) ishee irra gaariidhaan kabajaa; yookiin isuma deebisaa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti qorataadha

Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba; isa keessa mamiin hin jiru. Eenyutu Rabbiin caalaa haasa’a dhugaa dubbata?

Sila maaltu isiniif jiraannaan dhimma munaafiqootaa keessatti garee lamatti qoodamtan?odoo Rabbiin sababaa waan isaan hojjataniitiin duuba isaan deebisee jiruu, Sila isin nama Rabbiin jallise qajeelchuu barbaadduu? nama Rabbiin jallise karaa (ittiin qajeelu) isaaf hin argitu.

Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'u.Yoo dogoggoraan ta’e malee, Namni mu’umina dogoggoraan ajjeese, gabra mu’uminaa bilisoomsuufi 'diyaa' (gumaa dhiigaa) gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira) yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee. Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu irra jira. Yoo inni ummata gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira). Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aantuu soomuutu (irra jira). Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.

Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise). Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.

Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu; meeshaalee isaaniis haa qabatanu, Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa ta'anu. Gareen biraa isaan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanu. Of eeggannoo isaaniifi meeshaa isaaniis haa qabatanu. Warri kafaran odoo isin meeshaa waraanaa keessaniifii meeshaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii jaalatu. Yoo rakkoon bokkaa irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaalee lolaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiru. Of eeggannoo keessan qabadhaa. Dhugumatti, Rabbiin kaafirootaaf azaaba salphisaa qopheessee jira.

Rabbiin araarama kadhu. Dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta'eera.

Isaaniif waadaa seena; isaanis ni hawwisiisa. Shayxaanni gowwoomsaa malee isaaniif waadaa hin galu.

Yoo isaan lameen adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.

Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin adabbii keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.

Yoo toltuu ifa gootan yookiin isa dhoksitan yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan, dhugumatti Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera.

Sababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyoota haqaan ala ajjeesuu isaaniitiifi “onneen keenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre). Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amananu.

Sababaa kufrii isaaniitiifi Maryam irratti kijiba guddaa odeessuu isaanitiif (isaan abaarre).

Sababaa miidhaa warra yahuudomaniifi gaggaarii halaala isaaniif ta’ee ture haraama isaan irratti taasifne, sababaa isaan (namoota) baay’ee karaa Rabbii irraa deebisaniif .

Dhugumatti, warri kafaranii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan, dhugumatti isaan jallina fagoo ta’e jallataniiru.

Si gaafatu, Jedhi: “Rabbiin waa'ee ‘kalaalah’ (nama jalaafi gubbaan kan isa dhaalu hin qabne) keessatti isiniif ibsa. Yoo namtichi du'e kan ilmi isaaf hintahin kan obboleettiin isaaf taate, isheedhaaf walakkaa waan inni dhiisetu jira. Innis yoo isheen ilma hin qabaatin ishee dhaala. Yoo isaan (obboleettiiwwan) lama ta’an, isaaniif dhaala inni dhiise irraa lama sadaffaatu jira. Yoo obbolaan dhiirotaafi dubartoota ta'an immoo dhiiraaf fakkii qooda dubartii lamaatu jira. Rabbiin akka isin hin jallanneef isiniif ibsa. Rabbiin waan hunda beekaadha."