عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Forgiver [Ghafir] - Oromo translation

Surah The Forgiver [Ghafir] Ayah 85 Location Maccah Number 40

Haa Miim.

Akkuma kanatti jechi Rabbii keetii isaan kafaran irratti ‘dhugumatti. isaan warra ibiddaati (ta’uun’ mirkanoofte).

(Yaa) Rabbii keenya! Jannata qubannaa kan waadaa isaaniif galte isaan seensisi; namoota tolan kan abbootii isaanii irraa tahanis, warreen isaaniitiifi ilmaan isaanii irraa ta’anis (seensisi). Ati sumatu injifataa, ogeessa.

Warri kafaran itti lallabama “jibbaa Rabbii, kan yeroo gara iimaanaa waamamtanii isin kafartan (Inni isin jibbutu) jibbaa mataa keessanii (kan har’a of jibbitan) irra guddaadha”. jechuun itti lallabama.

Ni jedhan: “yaa Gooftaa keenya! Yeroo lama nu ajjeefteeti yeroo lama nu jiraachifte. Amma balleessaalee keenya fudhanneerraa, karaan (rakkoo hamaa kana irraa) ittiin baanu wahii jiraa?”

(Rabbiin Isa) sadarkaa ol fuudhu; dhuunfataa ‘Arshiiti.’ wahyii ajaja Isaa irraa ta’e gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusa. Akka guyyaa wal qunnamtii akeekkachiisuuf.

Guyyaa isaan hundi mul'atan, isaanirraa homaatuu Rabbi irraa hin dhokatu. “Har’a mootummaan kan eenyuuti? Kan Rabbii tokkicha, hunda injifataa ta’eeti.” (jedhama).

Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamti. Har’a miidhaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin saffisaa herregaati.

Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa),isaan akeekkachiisi. yeroo onneewwan kokkeewwan bira geessu, yaada guutaman san. Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru.

Namichi mu’uminni maatii fir’awni irraa ta’e kan iimaana isaa dhoksu, ni jedhe: “sila isin namicha ajjeeftuu? waan Gooftaan kiyya Rabbuma jedheef, odoo Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiruu. Yoo sobaa ta’e sobni isaa isuma irratti; yoo nama dhugaa ta’e gariin waan inni isin sodaachisee isin tuqa. Rabbiin nama inni daangaa dabraa, akkaan sobaa ta’e hin qajeelchu.

Yaa ummata kiyya! Har’a mootummaan keessani, (isin) dachii keessatti ol aantummaa qabaatoodha, yoo adabbiin Rabbii nutti dhufe eenyu nuu tumsa?” (jedheen). Fir’awni “ani waanuman ofii kiyyaa amanu malee isinin hin akeeku; karaa sirraawaa malees isin hin qajeelchu” jedhe.

Yaa ummata kiyya! Ani (adabbii) guyyaa wal waamiinsaan isin irratti sodaadha.

(adabbii) guyyaa, kan Rabbi irraa tiksaan isiniif hin jirre taatanii of duuba deebitanuun (isin irratti sodaadha). Nama Rabbiin jallise qajeelchaan tokkolleen isaaf hin jiru.”

Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin nijedhan “Gooftaa keessan nuuf kadhaa (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu”.

(Waardiyyoonni) nijedhan “sila ergamtoonni keessan ragaa ifa ta’een isinitti hin dhufnee?” (Warri ibiddaatis) “eeyyeen; (nutti dhufaniiru)” jedhan. (Waardiyyoonni) ni jedhan “Kadhadhaa! Kadhaan kaafirootaa dhabama keessatti malee hin taane” jedhan.

Dhugumatti, Nuti ergamtoota teenyaafi isaan amananiifis nitumsina jiruu addunyaa keessattiifii guyyaa ragoonni dhaabbatanis (guyyaa qiyaamaas).

Guyyaa miidhaa raawwattoota rakkoo himachuun isaanii isaan hinfayyanne, abaarsi isaaniif taha;manni hammaataan isaaniif taha.

(Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumoo waan hundaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Akkamitti irraa gara galfamtan?

Rabbiin Isa dachii (jireenyaaf) mijooftuu, samiilee immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan bareeche, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne (Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani. Allaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e barakaan Isaa guddate.

Inni jiraataadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Amantii Isaaf qulqulleessaa Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.

Jedhi “Ani wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameera erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda. Gooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” (jedhi).

Inni Isa isin uume biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa. ergasii daa’ima godhee isin baasa (dhalachiisa). Ergasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’uutu jira. Akka beellama beekamaa geessaniifi, akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa).

Yeroo sakaallaaleen sibiilaa mormoowwan isaaniitti kaayame, Sansaloonni (itti diramee) niharkifaman.

Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu.

Ergasii isaaniin jedhama “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiran?”.

“Balbalaalee jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama).

Isiniif isaan keessa bu’aa adda addaatu jira. Akka dhimmoota qomoota keessan keessatti yaaddan ittiin bakkaan ga’attaniif (isinii uume). isaan irrattiifi dooniiwwan irratti baadhatamtanii (dachiifi bishaan keesa adeemtu).