The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesExplained in detail [Fussilat] - Oromo translation
Surah Explained in detail [Fussilat] Ayah 54 Location Maccah Number 41
Haa Miim.
(Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha.
Kitaaba keeyyattoonni isaa adda baafamteedha dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, namoota akeekkataiif.
Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galan. Isaan hin dhagayan.
Ni jedhan: “onneewwan teenya haguuggaa keessa jirti waan isin itti nu waamtan irraa. Gurroowan keenya keessa duudummaatu jira. Gidduu keenyaafi gidduu kee haguuggiitu jira. Ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagoodha.
Jedhi: “ani namuma fakkaataa keessaniiti; gara kiyyatti beeksisaatu godhama (akkana jechuudhaan) ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa kadhadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira".
Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhiratti kafaraniidha.
Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira.
Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaalee Isaaf gootanii? Sun Gooftaa aalamootaati.
Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessatti barakaa godhe. Ishee keessatti soora ishee murteesse guyyuma afur keessatti. kadhattootaaf qixa haala taheen.
Ergasii gara samii ol ta’e, haala isheen aara taatee jirtuun. isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe. Isaanis “jaalannee dhufne” jedhan.
Samii torba godhee isheewwan xumuree Guyyaa lama keessatti. samii hunda keessatti, dhimma ishee beeksisa itti godhe. Samii addunyaas ifaadhaaleen (urjiileen) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine). Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati.
Yoo isaan gara galan “ani isin sodaachiseera iyyansa (hamaa), akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin” jedhiin.
(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; Nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise).
Aad immoo dachii keessatti haqaan malee boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhan. Sila Rabbiin, Inni isaan uume sun inni humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormaa turan.
Guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine, Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha. (Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadha. Isaan hin tumsamanu.
Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; duuti adabbii salphisaa isaan qabatte waan isaan hojjataa turaniif .
Isaan amananii, Rabbiin sodaatoo tahan nagaya baafne.
Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii isaan ittifaman san [yaadadhu].
Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuuwwan isaanitiifi gogaaleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u.
Gogaalee isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan. [Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiisetu nu dubbachiise, inni kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtan.”
Isin kan of dhoksitan hin taane dhageettiin keessan, agartuuleen keessaniifi gogaaleen keessan ragaa isin irratti ba’uurraa. Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii hinbeekuu yaaddan. {1}
Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidha. Isin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.
Yoo obsan, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadan, isaan warra ceephefamu irraayii miti.
Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechan. Jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, Isaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru.
Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa akka injifattaniif ” jedhan.
Isaan kafaran adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna. Dhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis (adabaan) isaanii galata galchina.
Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefi. Isaaniif ishee keessa mana jireenya turaatu jira. Waan keeyyattoota keenya mormaa turaniif galata galfaman.
Isaan kafaran nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; faana keenya jala isaan goona, akka warra jalaa keessa irraa ta’aniif” (jedhan.)
Isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. (isaaniin jetti).
Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuuleenn teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.
Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu).
Namni jecha bareedu eenyu Nama gara Rabbiitti waame caalaa? kan hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe.
(Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’an. Ishee toltuu taateen deebisi. Yoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jirtu akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta).
Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatu. Abbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu.
Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhu. Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
Mallattoolee Isaa irraayyi Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis, Aduufii baatiifis hin sujuudinaa Rabbii isaan uume qofaaf sagadaa, Yoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan.
Yoo boonan, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu.
Mallattoolee Isaa irraayi Ati dachii gogduu taate arguun. yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa hindhokatan. Sila isa ibidda keessatti darbamu caala moo, isa nagaa ta’ee Guyyaa Qiyaamaa dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha.
Isaan yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran erga inni itti dhufee booda. (nidhabamsiifamu). Inni kitaaba injifataadha.
Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.
Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru. Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati.
Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin jedhu, akkamitti (Qur'aanni) afaan Ajamiin (ergamaan) Arabaan tahe?” (jedhu turan). (Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qoricha. Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira. Innis isaan irratti jaamummaadha. Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabame. Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama ture. Isaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru.
Namni toltuu hojjate lubbuu isaatiifi. Namni hammaates isimarratti. Gooftaan kee gabroota miidhaa hintaane.
Beekumsi yerottii (Qiyaamaa) garuma Isaatti deebifama. firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessus Beekumsa isaatiin malee. Guyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) si beeksifna nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u hinjiru.”
Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turan isaan irraa bade. Karri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu.
Namni toltuu (qabeenya) kadhachuu irraa hin hifatu. Yeroo hamtuun (hiyyummaan) isa tuqe akkaan abdii murataa, mufataa ta’a.
(namni) Yoo rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifne erga rakkoon isa tuqee booda nijedha “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira gaariitu naaf jira” (jedha). Dhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjatan isaanitti odeessina, adabbii ulfaataa isaan dhandamsiisiifna.
Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, (galatoomfachurraa) gara gala cinaacha isaatiin fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a.
Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru caalaa jallaan eenyu?
Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifna Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti. Inni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu?
Mee dhagayaa! isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiru. Dhaga’aa! Inni waan hundaan marsee jira.