عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Crouching [Al-Jathiya] - Oromo translation

Surah Crouching [Al-Jathiya] Ayah 37 Location Maccah Number 45

Haa Miim.

Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi.

Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.

Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi اhiree (rooba) irraa waan Rabbiin samirraa (duumeessarraa) buusee, dachii eega du'uu (goggogina) isheetii ittiin jiraachise (magarseefi) qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.

Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.

(Qur’aanni) kun qajeelfama. Isaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, adabbii gubaa laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.

(Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhi. Akka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).

Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannine. Erga beekumsi isaanitti dhufee booda malee (waan birootiif) wal hin dhabne, jibbansa gidduu isaanii jiruuf jecha. Dhugumatti, Gooftaan kee Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.

(Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadha. Warra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.

Nijedhan “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu. ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna, zamana malee wanti nu balleessu hin jiru”. Waan kanatti beekumsa homaatuu isaaniif hintaane. Isaan se’oo malee hin taane.

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qaba. mamiin Isa keessa hin jiru. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.”

(Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argita. Ummanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti. “Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama).

Ni jedhamaani: “ Har’a isin daganna (isin dhiifna) akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattanitti; teessoon keessanis ibidda; tumsitoonni isiniif hin jiranu.”