عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The victory [Al-Fath] - Oromo translation

Surah The victory [Al-Fath] Ayah 29 Location Madanah Number 48

Akka Rabbiin dilii tee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi, akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).

Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise).

(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantaniifi, isa guddiftanii, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine).

Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenyalee keenyaafi maatiilee keenyatu nu qabe; Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiru. Waan onneewwan isaanii keessa hin jirre arraboota isaanitiin jedhu. (Yaa Muhammad) eenyutu waan Allaahn barbaade irraa isiniif waa gochuu dandaya? “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.

(Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onneewwan isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buuse. injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche.

Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche). Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.

(Injifannoofi boojuu) biraa kan isin irratti hindandayin, kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jira. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.

Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas hidhamaa tahee akka iddoo qalma isaanii hin geenye (dhorgan). Odoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture). Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini). Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.

Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaan wajjii kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodha. rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita Tolaafi jaalala Rabbii barbaadan. Mallattooleen isaanii fuulleen isaanii keessa jira kan faanaa sujuudaa irraa ta’e. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbateeti. facaafattoota jaalachiise. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira.