عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The winnowing winds [Adh-Dhariyat] - Oromo translation

Surah The winnowing winds [Adh-Dhariyat] Ayah 60 Location Maccah Number 51

(Qilleensa) bubbisiinsa bubbiftuunin kakadha.

(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis.

(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis.

(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis.

Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe.

  Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.

Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.

(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).

Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.

Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?

Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.

Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.

Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.

Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.

(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?”

Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”

Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.

(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).

(Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.

(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).

(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).

Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee.

Sila isa (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.

Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.