The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesMount Sinai [At-tur] - Oromo translation - Gali Ababor
Surah Mount Sinai [At-tur] Ayah 49 Location Maccah Number 52
(Gaara) Xuuriin kakadhe. {1}
Kitaaba barreeffamaanis.
Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
Mana jiraachifamaanis. {2}
Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis. {3}
Galaana bishaaniin guutameenis.
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
Deebisaan tokkolleen isaaf hintaane.
Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
Warra kijibsiisaniif guyyaa san ibiddaatu jira.
(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman.
(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
Ishee seenaa (dhandhamaa); obsaa yookaan hin obsinaa isinirratti waluma qixa. Wanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannatootaafi qananii keessa jiraatu.
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaanii azaaba gubaa jalaa isaan baraarse.
“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
Sireewwan tarree galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu). Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna (Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnu. Namni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) walitti daddabarsu (waliif kennu) ishee keessa sobaafi diliin hin jiru.
Isaan irra naanna’u Ijoollee dhiiraa isaanii. (bareedinni isaanii) akka waan isaan faaya eegamaati.
Gariin isaanii garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.
Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
Nuti kana dura Isa kadhataa turre. Inni Isumatu tola oolaa, mararfataadha.
Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
Moo “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhanii?
“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata jallatoodha.
Moo Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu?” lakkii, isaan hin amanan.
haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu Yoo kan dhugaa dubbatan ta’an.
Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha?
Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
Moo Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira, moo isaantu injifattoota?
Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
Lakkii! Tooftaa baasuu fedhani, Warri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu.
Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Ati tika keenya jala jirta. Yeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi).