The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe moon [Al-Qamar] - Oromo translation
Surah The moon [Al-Qamar] Ayah 55 Location Maccah Number 54
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.
Yeroo mallattoo argan gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.
(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofu. Wanti hunduu galma ga’aadha.
Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.
Isaan irraa garagali Guyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’an akka awwaannisa faca’ee fakkaatu.
Gara waamaatti ori’u Kaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.
Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteera. Gabricha keenya (Nuuh) sobsiisan, “inni maraataa dhajedhan" rakkifame.
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.
Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.
Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa yaabbachiifne (feene).
Tika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?
Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerra gorfamaan jiraa?
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?
Nuti qilleensa qorraa isaanitti ergine guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa.
Nama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirra. gorfamaan jiraa?
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.
Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti yuggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.
Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodha. Kanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.
Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane.
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?
Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.
Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru.
Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).
Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera.
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?
Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.
Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.
Guyyaa fuulleen isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).
Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne.
Ajajni keenya waantaane takka malee akkuma liphsuu ijaa.
Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.
Warri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.