عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Exile [Al-Hashr] - Oromo translation

Surah Exile [Al-Hashr] Ayah 24 Location Madanah Number 59

Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) baqa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adaba ture. Isaaniif Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.

Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.

Waliin ta'anii isin hin waraanan Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee. Diinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadha. tokkummaa qaban isaan seeta onneewwan isaanii qoqqoodamtuudha. Kun waan isaan namoota hin xiinxalline ta'aniifi.

(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii sani. dalagaa isaanii dhandhaman. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa.

Inni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.