عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The cattle [Al-Anaam] - Oromo translation

Surah The cattle [Al-Anaam] Ayah 165 Location Maccah Number 6

Inni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (du'aa) murteesseedha. Beellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jira. Ergasii isin ni shakkitu.

Inni samiileefii keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadha. Iccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beeka. Waan isin hojjattanis ni beeka.

Keeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa ta'e isaanitti dhufee yoo kan isaan ishee irraa gara galan ta'e malee hin hafu.

Odoma (nabiyyicha) maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa (nama) dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.

Namni guyyaa san isa (adabicha) irraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateera. Kun milkii guddaadha.

jedhi "Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi. "Rabbiin Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadha. Qur’aanni kuni akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifame. Sila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramtoonni biraa jiraachuu ragaa baatuu?". jedhiin "Ani ragaa (akkasii) hin ba’u". jedhi "Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkicha. Anis waan isin qindeessitan irraa qulqulluudha" (jedhi).

Ergasii mokkaramuun (deebiin) isaanii "Allaaha Rabbii keenyaan kakannee! nuti mushrikoota hin taane" jechuu malee hin taane.

Laali Akka itti isaan lubbuulee isaaniirratti kijiban. wanti isaan sobaan odeessaa turan akka itti isaan irraa bade (mee ilaali!).

Yeroo isaan ibidda irra dhaabaman osoo argitee nijedhan "yaa gaabbii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee mu'umina irraas taanee" (waan rifachiisaa argita ture)

Ni jedhan."Isheen jireenya keenya kan addunyaati malee waan biraa miti, nuti (du’a booda) hin kaafamnu"

Yeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture) "Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe. "Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan. "Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe.

Jedhi: mee naaf himaa! "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waan Rabbiin alaa ni kadhattuu?"

Dhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasa. Waan qindeessitan ni irraanfattu.

Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo Rabbiin dhageettiifi argituuwwan keessan fudhatee, onneewwan keessan irratti cufe, gabbaramaan Rabbiin alaa isa isiniif fidu eenyu?” Akkamitti keeyyattoota akka ibsinuufi ergasii akkamitti akka isaan gara galan ilaali.

Yeroo warri keeyyattoota keenyatti amanan sitti dhufan jedhi "Nageenyi isin irra haa jiraatu. Gooftaan keessan lubbuu Isaa irratti rahmata barreesseera: ‘namni isin irraa wallaalumaan hamtuu hojjatee ergasii isa booda gara Rabbii deebi’ee tolche, dhugumatti Inni (isaaf) araaramaa, (isaaf) rahmata godhaa dha" (jedhi).

Akkasumas akka (dhugaan mirkanaa'uu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha keeyyattoota addeessina.

Jedhi: "Ani ragaa ifa ta’e kan Gooftaa kiyya irraa tahe irran jira. Isin isa kijibsiiftani. Wanti isin arifachiifattan ana bira hin jiru. Murtiin Rabbiif malee hin taane. Inni dhugaa murteessa. Inni irra caalaa murteessitootaati."

Jedhi: "Odoo wanti isin arifachiifattan ana bira jiraatee, silaa dhimmichi gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ni murtaa’a ture. Rabbiin miidhaa hojjattoota akkaan beekaadha."

Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa biratti tahe. Isa malee (tokkolleenuu) ishee hin beeku. Inni waan dachii (goggoyduu) keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala (mukaa) irraa tokkollee inni beeku malee hin buutu. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa tahu malee hin taane.

Jedhi: "Inni danda'aadha adabbii gubbaa keessan irraa yookiin miilleen keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti (danda’aadha)." Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.

Odoo inni dhugaa ta'ee jiruu ummanni kee isa kijibsiisan. "Ani isin irratti tiksaa miti" jedhiin.

Jedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda uf duuba deebinaa? akka isa dhama'aa ta'ee sheyxaanni dachii keessa isa fuudhee, kan isaaf hiriyoonni 'gara keenya kottu' (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san)". Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)ti. Nuti Gooftaa aalamatiif akka tole jennu ajajamnee jirra" jedhi.

(Yaadadhu) Yeroo Ibraahiim abbaa isaa Azaariin jedhe "sila ati taabotowwan gabbaramoota godhattaa? Dhugumatti, ani siifi ummata kee jallina ifaa keessattiin argaara".

Ummanni isaas isaan falme [Inni] ni jedhe: "Sila dhugumatti odoo Inni na qajeelchee jiruu isin (waa’ee) Rabbii keessatti na falmituu? Waan isin Isatti qindeessitan hin sodaadhu. Yoo Gooftaan kiyya wahi fedhe malee (homtuu narra hin ga’u) Gooftaan kiyya beekumsa Isaatiin waan hunda waliin ga’eera. Sila hin gorfamtanuu?

Nama Rabbi irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi, nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe. Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’an argitee, kan malaykonni harkoowwan isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu argitee dubbii rifachiisaa argita ture).

Dhugumatti isin kophaa taatanii gara keenya dhuftaniittu, akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugdoowwan duuba keessanitti dhiiftanii. Nuti manguddoota (taabota) keessan kan isin “kun warra Rabbiin waliin gabbarru” jedhaa turtan isin wajjiin hin arginu. (Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeera. Wanti isin himataa turtan isin jalaa badeera.

Inni (Rabbiin) Isa lubbuu takka irraa isin uumeedha. Bakka ragga'iinsaa (gadaamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira). Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra.

Odoo inni isaanis uumee jiruu jinnoota Rabbiif shariikoowwan taasisan; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) kijibaan (uuman), Inni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluufi ol ta’aadha.

Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeera. Namni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama). Namni jaame isheedhuma irratti (miidhaa geessisa). Anii isin irratti tiksaa miti.

kakuulee isaanii cimaa Rabbitti kakatan "Odoo mallattoon wahii isaanitti dhuftee, silaa isitti amanna" jedhanii, "Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhi. Yeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu).

Sila maaltu isiniif jiraayyi waan maqaan Rabbii irratti dubbatame nyaachuu dhiiftan? dhugumatti, Inni wantoota isin irratti dhorgamaa godhe isiniif addeesseera,Wanti gara isaatti rakkifamtan odoo hafuu. Dhugumatti, (namoonni) baay’een beekumsaan malee fedha lubbuu isaaniitiin jallatu. Dhugumatti, Gooftaan kee Isaatu irra beekaa warra daangaa dabraniiti.

"Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergamoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu). "Nuti lubbuulee keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhan. Jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite. Dhugumatti isaan kaafiroota akka turan lubbuulee isaanii irratti ragaa ba’an.

Kun waan Gooftaan kee ganda tokko haala warri ishee dagataa ta'een, badii (isheetiif jecha) kan balleessu hin ta'iniifi.

Dhugumatti, wanti waadaa isiniif galame dhufaadha. Isin kan (adabbii jalaa) dadhabsiisoo hintaane.

Jedhi. "Yaa ummata kiyya! Akkaataa adeemsa keessanii irratti dalagaa; Anis dalagaadha, Namni manni booddee isaaf ta’u eenyuun akka ta’e fuulduratti ni beektu, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’anu"

Nijedhan Yaada isaaniitiin kun horiifi oyruu dhorgamtuudha; Nama nuti feene malee ishee hin nyaatu, (kun) horii dugdi ishee (yaabbii irraa) dhorgamteedha; (kun immoo) horii maqaa Rabbii isii irratti hin dubbannee dha" (jedhan), Rabbi irratti kijiba uumuuf (kana hojjatan). Rabbiin waan isaan kijibaa turaniin fuulduratti galata isaanii galcha (isaan adaba)..

Ni jedhan: "Wanti garaalee horii kanneen keessaa dhiirota keenya qofaaf (hayyamamtuudha); dubartoota keenya irratti immoo dhorgamoodha, Yoo du’aa ta’e, isaan (hunduu) isa keessatti shariika" Ibsa isaaniitiin (kijiba Rabbi irra kaa'aniin) (adabbiin) galata isaanii galcha. Inni ogeessa, beekaadha

Qindiiwwan saddeeti (uumne): hoolaa irraa lama (kormaafi dhalaa), Re’ee irraas lama (kormaafi dhalaa). "Sila (Rabbiin) korma lamaan haraam godhe moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu lamaanii of keessaa tti qabatte? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beekumsaan naaf himaa" jedhiin.

Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee ." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha.

Warra yahuudoman irratti abbaa qeensaa hunda haraama taasifnee jirra. Sa'aa, busaa'ee (re’eefi hoolaa) irraas cooma isaan lamaanii, isaan irratti haraama taasifnee jirra, waan dugdi isaaniitiifi marrimaan isaanii baatte (malee) yookiin waan lafeetti makame malee. Kana daangaa dabruu isaaniitiif isaanii galata galchine (isaan adabne). Nuti dhugaa dubbatoodha.

Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turre, Wanta tokkos haraama hin taasifnu turre. Akkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan. jedhi "Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu, Isin kijiboo malee hin taane".

Jedhi: "Mee ragoota keessan kan akka Rabbiin waan kana haraama taasise ragaa ba’an fidadhaa, Yoo isaan ragaa ba’an, ati isaan waliin ragaa hin ba’in, Fedha lubbuu warra keeyyattoota keenya kijibsiisanii,hin hordofin, warra Aakhiraatti hin amanneefi isaan (qaamota biraa) Gooftaa isaanii wajjin wal qixxeessan (hin hordofin)"

Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedha, Kanaafuu isa hordofaa, (Rabbiin) sodaadhaa, Akka rahmanni isiniif godhamu.

Yookiin akka isin hinjenneefi "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa qajeella turre" (hin janneefi), Dhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeera. Nama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaanii galata galchina (adabna)..

Jedhi "Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya na qajeelchee jira gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti, Inni mushrikoota irraa hin turre".

Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.

Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu. (Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu takka ba’aa tan biraa hin baadhattu, Ergasii gara Gooftaa keessaniiti deebiin keessan, Wantoota isin isa keessatti wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima."

Rabbiin Isa dachii keessatti bakka bu’oo isin godhe; sadarkaa keessatti garii keessan garii irra ol fuudhe isin qormaatuuf jecha waan isinii kenne keessatti, Dhugumatti, Gooftaan kee daddafsiisaa adabbiiti; ammas Inni araaramaa, rahmata godhaadha.