عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

She that is to be examined [Al-Mumtahina] - Oromo translation - Gali Ababor - Ayah 10

Surah She that is to be examined [Al-Mumtahina] Ayah 13 Location Madanah Number 60

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا جَآءَكُمُ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتُ مُهَٰجِرَٰتٖ فَٱمۡتَحِنُوهُنَّۖ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِإِيمَٰنِهِنَّۖ فَإِنۡ عَلِمۡتُمُوهُنَّ مُؤۡمِنَٰتٖ فَلَا تَرۡجِعُوهُنَّ إِلَى ٱلۡكُفَّارِۖ لَا هُنَّ حِلّٞ لَّهُمۡ وَلَا هُمۡ يَحِلُّونَ لَهُنَّۖ وَءَاتُوهُم مَّآ أَنفَقُواْۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ أَن تَنكِحُوهُنَّ إِذَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّۚ وَلَا تُمۡسِكُواْ بِعِصَمِ ٱلۡكَوَافِرِ وَسۡـَٔلُواْ مَآ أَنفَقۡتُمۡ وَلۡيَسۡـَٔلُواْ مَآ أَنفَقُواْۚ ذَٰلِكُمۡ حُكۡمُ ٱللَّهِ يَحۡكُمُ بَيۡنَكُمۡۖ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ [١٠]

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaa. Iimaana isaanii Rabbiin beekaa. Yoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaa. Isaan (dubartoonni) isaaniif halaalii miti; isaanis (dhiironni) isaaniif halaalii miti. Isaaniif (dhirsota isaanii kan kaafiraatiif) waan isaan baasan kennaa. Yeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiru. Waadaalee fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera). Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatani. Kun murtii Rabbiiti (Isatu) gidduu keessanitti murteessa. Rabbiin beekaa ogeessa.