عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Ranks [As-Saff] - Oromo translation

Surah The Ranks [As-Saff] Ayah 14 Location Madanah Number 61

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.

(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badiilee keessan isiniif araarama. Jannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisa. Manneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira). Kun milkii guddaadha.

Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna) (Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedha. Mu’uminoota gammachiisi.