The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe congregation, Friday [Al-Jumua] - Oromo translation
Surah The congregation, Friday [Al-Jumua] Ayah 11 Location Madanah Number 62
Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa Rabbi qulqulleessa. (inni) mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa.
Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa ta'e ergeedha, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara'u, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedha. Isaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa ta'e keessa turan.
(Ummata) biroos kan isaan irraa ta'anii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge) Inni injifataa ogeessa.
Kun tola Rabbiiti Isa abbaa fedheef kenna. Rabbiin abbaa tola guddaati.
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isii hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuuti. Fakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan waa fokkatee! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
Jedhi "isin Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif du'a hawwaa".
وَلَا يَتَمَنَّوۡنَهُۥٓ أَبَدَۢا بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِٱلظَّٰلِمِينَ [٧]
yoomuu isa hin hawwanu Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha. Rabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha.
Jedhi "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun inni isin argataadha. Ergasii gara beekaa fagoofi dhihoo ta'eetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima".
Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa keessatti salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; gurgurtaa dhiisaa. kanatu isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.
Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraa barbaaddadhaa. baay'inaan Rabbiin faarsaa Akka milkooftaniif jecha.
Yeroo daldala yookiin tapha argan gara isaaniitti faffaca'u dhaabiitti si dhiisanii; Jedhiin "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caala. Rabbiin Irra caalaa arjootaati" jedhiin