The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe reality [Al-Haaqqa] - Oromo translation
Surah The reality [Al-Haaqqa] Ayah 52 Location Maccah Number 69
Mirkaneessituun,
Mirkaneessituttiin maali?
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.
Samuud iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman.
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman.
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti erge. Ishee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita.
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?
Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.
Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin yaabbachiifne.
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.
Samiinis ni baqaqxi; isheen guyyaa san laaftuudha.
Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'u. Arshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).
Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;
"Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).
Ammoo Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu baadhee.
Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu baadhee.
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!
Qabeenyi kiyya homaa narraa hindeebifne (fayyadne).
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).
Ergasii ibidda isa seensisaa.
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.
Har’a asitti firri isaaf hin jiru.
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.
Waan isin argitaniin kakadha.
Waan isin hin argineenis (niin kakadha).
Inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati.
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu.
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo qofa gorfamtanu.
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.
Ergasii hidda onnee isarraa murra turre.
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.
Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.
Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.
Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.
Inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha.
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.