The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Ascending stairways [Al-Maarij] - Oromo translation
Surah The Ascending stairways [Al-Maarij] Ayah 44 Location Maccah Number 70
Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan kadhate.
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.
Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama).
Malaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.
Obsa gaarii obsi.
Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.
Nuti immoo dhihootti isa argina.
Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.
(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.
(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.
Isaan agarsiifamu Namni dilaawaan odoo ilmaan isaatiin adabbii guyyaa sanii uffuree jaalata.
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
Dhorgamaa! isheen lazaadha (maqaa hulaa ibiddaati).
Buqqiftuu gogaa sammuuti.
Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti).
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.
Yeroo hamtuun isa tuqe mufataa (gammachuu dhaba).
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
Warra sagadan malee;
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);
Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,
Hiyyeessa Kadhataafi kan hin kadhanneef,
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).
Adabbiin Gooftaa isaanii (nama tuquu dhabuun isaa) amanamaa miti.
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; (kanarratti) isaan komatamoo miti.
Namni sanaan ala (fedhii guutachuu) barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
Warra kafareef maaltu jiraayi sirratti xiyyeefatu?
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.
Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.
Gooftaa Bahootaatiifi Dhihootaatiin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha). Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Guyyaa qabroota irraa arifataa ba'an isaan akka waan gara taabotootaatti dhangala'an fakkaatu.
Ijjoonni isaanii xiqqaattuu salphinni isaan haguugdi. Sun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.