The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Jinn [Al-Jinn] - Oromo translation
Surah The Jinn [Al-Jinn] Ayah 28 Location Maccah Number 72
(Yaa Muhammad SAW!) Wahyiin natti godhameera jedhi Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii NI jedhan: “nuti Qur'aana dinqisiisaa dhageenye.
[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; isatti amanneerra. Gooftaa keenyatti tokkollee hin qindeessinu.
Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis ta'ee ilmoo hin godhanne.
Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan.
Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne.
وَأَنَّهُۥ كَانَ رِجَالٞ مِّنَ ٱلۡإِنسِ يَعُوذُونَ بِرِجَالٖ مِّنَ ٱلۡجِنِّ فَزَادُوهُمۡ رَهَقٗا [٦]
Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.
Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.
Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.
Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turre. Namni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga.
وَأَنَّا لَا نَدۡرِيٓ أَشَرٌّ أُرِيدَ بِمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ أَرَادَ بِهِمۡ رَبُّهُمۡ رَشَدٗا [١٠]
Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadame moo Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhee hin beeknu!
Nuti nurraa gaggaariin ni jiran. Ammas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiru. Nuti warra karaalee adda addaati turre.
Nuti beeknee jirra dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu.
Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanne. Namni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu.
Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamaye warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru.
Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.”
Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre.
Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture). Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa.
Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.
Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu.
(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu."
Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."
Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsu. Isa malees hirkoo hin argadhu.
Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u). Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan zalaalam ishee keessatti hafutu isaaf jira.
حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ أَضۡعَفُ نَاصِرٗا وَأَقَلُّ عَدَدٗا [٢٤]
Hanga waan ittiin sodaachifaman arganitti namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.
“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.
(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.
Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu) Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa.
Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e) waan isaan bira jiru hundatti marsee waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabe (beeke) ‘