عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The enshrouded one [Al-Muzzammil] - Oromo translation

Surah The enshrouded one [Al-Muzzammil] Ayah 20 Location Maccah Number 73

Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.

Ka'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.

Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.

Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e.

(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan(nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaas Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.