عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The cloaked one [Al-Muddathir] - Oromo translation

Surah The cloaked one [Al-Muddathir] Ayah 56 Location Maccah Number 74

Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.

Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi.

Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis.

Ergasii akka Ani isaaf dabalu kan kajeela;

Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa.

Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?

Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame.

Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.

Saqar isa seensisuufin jira.

Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?

(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu.

Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira.

Eegdota Ibiddaa malaykota malee kan biraa hin goone. Lakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata malee hingoone, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee, fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif (kana goone). Akka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha. (Baay'ina) waraana Gooftaa keetii Isa malee homtuu hin beeku. Isheen namaaf gorsa malee waan biraatii miti.

Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!

Isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.

Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).

(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.

Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).

"Maaltu Saqar keessa isin seensise?" (isaanin jedhu).

Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu).

Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?

(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu.

Haadhoowwamanii (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu.