عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The rising of the dead [Al-Qiyama] - Oromo translation

Surah The rising of the dead [Al-Qiyama] Ayah 40 Location Maccah Number 75

Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu).

Eeyyeen (walitti ni qabna) (Nuti) qubbeen isaatuu (akka turanitti deebifnee) sirreessuu irratti danda'oodha.

(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu.

(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)

Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru.

Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin.

Isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.

Fuulli gariin Guyyaa san akkaan suntuurtuudha.

Miti Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee geesse,

(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame,

(Namni du'aa jiru sun) inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate;

Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree?

Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute.