عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The man [Al-Insan] - Oromo translation

Surah The man [Al-Insan] Ayah 31 Location Madanah Number 76

(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha. (Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu.

(Ni jedhu): "wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.

Sababa isaan obsaniif jannataafi hariira galata isaaniif galche.

Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).

Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).

Gubbaa isaanii irra uffata hariira qal'aa magariisa fi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamu. Gooftaan isaanii dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa.

"kun galata isiniif ta'eera. Dalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).

Murtii Gooftaa keetiitiif obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.

Halkan irraallee Isaaf sujuudi (salaati); halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati.