عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The emissaries [Al-Mursalat] - Oromo translation

Surah The emissaries [Al-Mursalat] Ayah 50 Location Maccah Number 77

  (Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha.

  (Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;

  (Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;

  (Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;

  Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).

  Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha.

Yeroo urjiiwwan (ifti ishee irraa) haqamte,

  Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte,

  Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte;

  Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman).

  Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?

  Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?

  Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?

  Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee?

  Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu.

  Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.

  Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.

  Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu.

  Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).

  Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.

  (Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).