عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Spoils of war, booty [Al-Anfal] - Oromo translation

Surah Spoils of war, booty [Al-Anfal] Ayah 75 Location Madanah Number 8

Isaannan salaata (seera ishee guutanii) dhaabani, waan nuti isaaniif kennine irraas kennitaniidha.

Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminoota, Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduuisaaniif jira, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) (isaaniif jiraaf).

(Wanti kana hojjateef) akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi odoo kaafiroonni jibbanillee .

Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani maleykoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jeche) [yaadadhu].

[yaadadhaa]. Yeroo Inni hirribaan isin haguuge tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti).samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse (roobse), isaan isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaa isin irraa deemsisuuf, onneewwan keessanirratti (obsaan) jabeessuuf, faanowwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha (isiniif roobse).

Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti beeksisa godhe [yaadadhu] “Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaa, Ani onneewwan isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Mormoowwan (isaanii) gubbaa rukutaa, Isaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee).

Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaa, Dhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.

Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin baqatinaa).

Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jira, Teessoon isaas jahannami, Deebiin (isaanii jahannam) waa fokkate.

(Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jira. Yoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadha. Ammas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (tumsa keenyaan) ni deebina.Tuunni keessan odoo baay’attellee homaa isin hin fayyadanu. Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.

Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee, silaa isaan dhageessisa ture. Odoo isaan dhageessisee, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.

  Yeroo isaan kafaran shira sirratti baasan [yaadadhu], si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf. Isaan shira baasu; Rabbiinis shira baasa (shira isaanii isaan irratti deebisa), Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.

  Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu nijedhan “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti”.

  maaltu isaaniif tahe kan Rabbiin isaan hin adabneef, Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) dhoorganiin. isaan itti gaafatamtoota isaa hintaane.itti gaafatamtoonni isaa Warra Rabbiin sodaatan malee kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

  Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu) fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taane, adabbii dhandhamaa Sababa kufrii keessaniif.

  Isaan kafaraniin jedhi, yoo (kufrii irraa) dhorgaman wanti dabre isaaniif araaramama, Yoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.

  Yoo isaan irraa gara galan, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessanii beekaa, Tiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.

  Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihootti taatanii, isaan moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa). Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtan, Garuu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa ifa ta’e booda akka baduuf, namni jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe). Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

  Yeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiise [yaadadhu], Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessatti wal mormitu turtan. Garuu Rabbiin nagaya (isin) godhe. Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.

  Yeroo walitti dhuftanii (yeroo) isaan isin agarsiise ijoowwan keessan keessatti xiqqoo taasisee, isin ijoowwan isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’e [yaadadhu]. Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) raawwatamaa ta’e galmaan ga’uuf jecha (kana hojjate), Wantoonni gara Rabbii deebifamti

  Yeroo munaafiqoonniifi warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru jedhan (yaadadhu) “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse”. Namni Rabbi irratti hirkate (ni moo’ata), Rabbiin injifataa, ogeessa.

  ”Kun waan harkoowwan keessan dabarfatteefi (waan) Rabbiin gabroota miidhaa hin ta’iniifi” (isaaniin jedhama)

 (Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda ahdii isaanii nidiigan, isaan Rabbiin hin sodaatan.

  Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessan isaaniif qopheessaa, kan ittiin diina Rabbii fii diina keessan sodaachiftan. (akkasuma kan) ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan isin isaan hin beekne, Rabbiin isaan beeku, ittiin akka sodaachiftaniif. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennama, Isin hin miidhamtanu.

  Gidduu onneewwan isaanii wal taasise. odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu, gidduu onneewwan isaanii wal taasisuu hin dandeessu, Garuu Rabbitu gidduu isaanii wal taasise. Inni injifataa, ogeessa.

  Nabiyyii kamiifuu booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin malu, hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti). Isin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedha, Rabbiin injifataa, ogeessa.

  Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattan keessatti adabbiin guddaan isin mudata ture.

  Ati Yaa nabiyyicha Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “yoo Rabbiin onneewwan keessan keessatti toltuu wahii beekee, waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna, isiniifis ni araarama, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

  Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraa (ajjeesuufi booji’uun) (siif) mijjeessee jira, Rabbiin beekaa, ogeessa.

  Isaan kafaran gariin isaanii jaalallee gariiti. Yoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) hojjachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.