عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Overthrowing [At-Takwir] - Oromo translation

Surah The Overthrowing [At-Takwir] Ayah 29 Location Maccah Number 81

Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),

Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,

Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),

Balleessa kamiif akka ajjeefamte;

(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.

(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).

Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),

Bariittillee yeroo inni hafuura baafate (ife) (kakadha),

Inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati {1}

(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.

Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.

Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.

Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.

Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).