عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Cleaving [AL-Infitar] - Oromo translation

Surah The Cleaving [AL-Infitar] Ayah 19 Location Maccah Number 82

Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,

(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi baada aansite ni beekti.

Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?

Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.

Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.

Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu

Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.

Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?

Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?

(Inni) guyyaa lubbuun takka lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenye. Guyyaa san wanti (hundi) kan Rabbiiti.