عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Defrauding [Al-Mutaffifin] - Oromo translation

Surah Defrauding [Al-Mutaffifin] Ayah 36 Location Maccah Number 83

Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u!

"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?

Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).

Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.

Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).

Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.

Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.

(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.