The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Mansions of the stars [Al-Burooj] - Oromo translation
Surah The Mansions of the stars [Al-Burooj] Ayah 22 Location Maccah Number 85
Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).
Guyyaa beellamamaanis,
Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
Warri handaqa abaaraman.
(Warri) ibidda boba’aa.
Yeroo isaan ishee irra taa'an,
Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa hinjibbine.
(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedha. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
Isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'in (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jira. Sun milkii guddaadha.
Qabaan Gooftaa keetii haalaan cimaadha.
Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
Waan fedhe akkaan hojjataadha.
Sila oduun waraanaa si ga'eeraa?
(Waraana) Fir'awniifi Samuud.
Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
Luuhii tiikfamaa keessa jira.