عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Repentance [At-Taubah] - Oromo translation - Gali Ababor

Surah Repentance [At-Taubah] Ayah 129 Location Madanah Number 9

(Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha). {1}

Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade,nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, Sana booda iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.

Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? Afaanoowwan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneewwan isaanii immoo ni diddi. Irra hedduun isaaniis finciltoota.

Sila ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan isin (miidhuu) jalqaban odoo ta’anii jiranuu maaliif isaaniin hin lolle? Sila isaan sodaattuu?Rabbitu isin Isa sodaachuu irra haqa godhata Yoo mu’uminoota taatan.

Gooftaan isaanii isaan gammachiisa rahmata isarraa taheen, jaalalaafi jannatoowwan ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun.

Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Dhugumatti, Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.

Dhugumatti, Rabbiin iddoo baay’eetti isin tumseera. Guyyaa (lola) Hunayni, yeroo baay’inni keessan isin dinqisiise, kan homaa isin irraa hin deebisin, dachiin bal’ina ishee wajjin isinitti dhiphattee, sana booda yeroo baqa duubatti garagaltan (waan ta’e yaadadhu).

Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addawwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamu (kawuyeeffamu), “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuusaattani; waan kuusaa turtan dhandhamaa” (jedhamu)

Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti siqsuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudha, Warri kafaran isaan jallifamu, Waggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhu, Akka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha, waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhu, Fokkataan hojii isaanii isaaniif miidhagfame, Rabbiin ummata kaafira hin qajeelchu.

Yoo isin isaaf tumsuu baattan, dhugumatti Rabbiin isaaf tumseera -yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaarraa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda keessa ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin “hin gaddin Rabbiin nu waliin jiraa; ” jedhu san- (Rabbiin isaaf tumseera). Rabbiin tasgabbii Isa irraa ta’e isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesse, Jecha warra kafaranii gad aantuu taasise, Jechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudha, Rabbiin injifataa, ogeessa.

(Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee,(lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte? hanga isaan dhugaa dubbatan ifa siif ta’anii warra soban beektutti.

Odoma isinii waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanu. Rakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turan, Isin keessas namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiru. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.

Isaan irraa nama “(hafuuf) naaf hayyami; nas hin qormaatin” jedhuutu jira, Dhagayaa! (isaan) qormaata keessatti kufaniiru. Dhugumatti Jahannam kaafirootatti marsituudha.

“Kan jaallattanis ta’aatii yookiin kan jibbitan ta’aa arjoomaa; isin irraa hin qeebalamu, Dhugumatti, isin ummata finciltoota turtan” jedhi.

Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda wahii yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan.

Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadha, Rabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kenna, Ergamaan Isaas (akkasuma). nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture).

Yoo isaan gaafatte “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu. “Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa kan gootan taatanii? jedhiin.

Rakkoo hin himatinaa! Dhugumatti isin erga amanuu keessaniitii booda kafartanii jirtu. Yoo garee isin irraa ta’eef irra dabarre, garee biraa ni adabna, waan isaan yakkamtoota ta’aniif.

Rabbiin munaafiqoota dhiiraa, munaafiqoota dubartiifi kaafirootaafis ibidda jahannam beellamee jira, ishee keessatti kan hafoodha, isheen isaaniif geessuudha, Rabbiin isaan abaareera. Isaaniif adabbii itti fufaatu jira.

Isaan irraas namoota “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraas ni taana turre” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru.

Yeroma (Rabbiin) tola Isaa irraa isaaniif kenne, ittiin doynoomani; kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an.

Horsiisee bultoota irraa namoota waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomu akka idaatti qabatujjira. naannoowwan (rakkinaa) isinitti eega. Naannoon hamtuu isaan irratti haa ta’u. Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

Ammas tikfattoota baadiyyaa irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomus Rabbiin biratti dhiheenyaafi kadhaa ergamichaa godhatutu jira. Dhagayaa! dhugumatti isheen isaaniif dhiheenya. Rabbiin fuula dura rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqoota. Warra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an jiru, ati isaan hin beeknetu. Nuti isaan ni beekna. Fuula dura yeroo lama[1] isaan adabna. Ergasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu.

Sila isaan ‘Rabbiin Isatu gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalaafi sadaqaas fudha’ jechuu hin beeknee? Ammas dhugumatti ‘Rabbiin isatu tawbaa qeebalaafi rahmata godhaa dha’ jechuus (hin beeknee?).

Hojjadhaa jedhiin, Rabbiin, ergamaan Isaatiifi mu’uminoonnis fuula dura dalagaa keessan ni argu, Gara beekaa wantoota hin mul’anneefi wantoota mul’ataniis fuula dura ni deebitu, Waan isin dalagaa turtanis isinitti odeessa.

Warri biroo immoo kan murtii Rabbii (eeguuf) booda aanfamantu jiru. Yookiin isaan adaba, yookiin immoo tawbaa isaan irraa qeebala. Rabbiin beekaa, ogeessa.

Warri (mu’uminoota) rakkisuuf,masjiida tolfatan, akkasuma kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi, nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf, (jecha masjiida tolfatanis isaanuma irraayyi). Dhugumatti kakatu “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii. Rabbiin isaan kijibdoota tahuu ragaa baha.{1}

Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatin. masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti bu'ureeffametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhata. Isa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiru. Rabbiin qulqulleeffattoota jaalata. {2}

Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran onneewwan isaanii keessatti (munaafiqummaafi) shakkii ta’uu irraa hin deemu.yoo onneewwan isaanii ciccitte malee. Rabbiin beekaa, ogeessa.

Araarama abbaa isaatiif kadhachuun Ibraahiim waadattii ishee isaaf seene sana (guutuu) irraayyi malee waan biraa hin turre. Yeroma inni diina Rabbii ta’uun ifa isaaf ta’u isa irraa qulqullaa’e, Dhugumatti, Ibraahiim akkaan Rabbi kadhataadha, obsaadha.

Rabbiin ummata tokko erga isaan qajeelchee booda hanga waan isaan eeggachuu qaban isaaniif ibsutti kan (isaan) jallisu (yakkamaa godhu) hin taane, Dhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.

Warra sadeen booda aanfaman (irraa Rabbiin tawbaa qeebale) kaneen hanga dachiin bal’ina ishee wajjin isaan irratti dhiphattee, lubbuun isaaniis isaan irratti dhiphattee, Rabbi irraas gara Isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga mirkaneeffatanitti (booda aanfaman irraas) (Rabbiin tawbaa qeebaleera). Sana booda akka isaan tawbataniif jecha tawbaa isaan irraa qeebale. Dhugumatti, Rabbiin Isatu araaramaa, rahmata godhaadha.

Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu ture. Sunis sababa hojiin gaariin ittiin isaaniif barreeffamu malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis kan isaan hin mudanne ta’ee akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos hin ejjanneefi diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos kan hin qaqqabne (waan) ta’eefiDhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu.

Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duulatti bahuun isaaniin hin malu. Sila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara isaaniitti deebi’an, akka isaan dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne). Akka isaan (hamtuu) eeggataniif.

Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) takka buufamte, gariin isaanii gara garii isaanii ilaala “namni tokko sila isin argaa jiraa?” jedhaa. Sana booda garagalanii deemu. Rabbiin onneewwan isaanii garagalche Waan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif.

Dhugumatti, iisinitti dhufe ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e.

Yoo isaan (sirraa) garagalan, jedhi “Rabbiin naaf gahaadha. Isa malee haqaan Gabbaramaan hin jiru. Isa qofa irrattin irkadhe; Innis Gooftaa arshii guddaati”.