The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe City [Al-Balad] - Oromo translation
Surah The City [Al-Balad] Ayah 20 Location Maccah Number 90
Miti Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha.
Ati biyyia kana qubataadha.
Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).
Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne.
Sila inni tokkolleen isa irratti hin danda'uu yaadaa?
“Qabeenya guddaan balleesse" jedha.
Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa?
Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee?
Arrabaafi hidhii lameenis;
Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.
Sila maaliif tulluu hin dabrine?
Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise?
(Inni) Gabra bilisoomsuudha.
Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha.
Yatiima fira ta’an;
Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).
Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane?
Isaan sun warra mirgaati.
Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati.
Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.