The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe night [Al-Lail] - Oromo translation
Surah The night [Al-Lail] Ayah 21 Location Maccah Number 92
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge.
Guyyaanis yeroo inni mul'ate;
Isa kormaafi dhalaa uumeenis;
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba).
Ammoo Namni kennatee Rabbiin sodaate,
Islaamummaas dhugoomse,
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra.
Ammoo Nama don’oomee of ga’e,
Islaamummaa sobsiise,
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra.
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu.
Karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.
Aakhiraafi addunyaan keenya.
Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.
Hoonga’aa malee ishee hin seenu.
Kan sobsiisee gara gale (malee).
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira.
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu.
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu).
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira.