عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Chargers [Al-Adiyat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Chargers [Al-Adiyat] Ayah 11 Location Maccah Number 100

(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha), [1]

(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,

(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;

Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].[2]

Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha. [3]

Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana (qormaana isa eeggatu) hin beekuu?

Yeroo wanti qomoota keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)

Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha (hojii isaaniirratti galata isaaniif galcha).