عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Hud [Hud] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Hud [Hud] Ayah 123 Location Maccah Number 11

Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi. [1]

“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha.

“Gooftaa keessan araarama kadhadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa, qananii bareedaa isin qanansiisa, hanga beellama beekamaatti. Abbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte). Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha. [2]

Lubbu qabeeyyiin dachii keessatti tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee hin taane. Iddoo qubannoota isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira.

Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii ishee isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara). inni akkaan abdii murataa, akkaan kafaraadha.

Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwan narraa deemte” jedha. inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha. [5]

Garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.

“moo isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? jedhiin "suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa. Rabbiin malee waan dandeessan waamadhaatii,“yoo kan dhugaa dubbattan taatan. [6]

Yoo isaan isiniif hin awwaatin, beekaa inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre. Sila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).

Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaalee isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.

Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedha. Wanti isaan ishee keessatti dalaganis ni bade. Wanti isaan dalagaa turanis (waan iimaanni bira hin jirreef) badaadha.

Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanu. Ahzaabota irraa warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati. Isa irraa shakkii keessatti hin ta’in. inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.

Warri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.

Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa ergine. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Ani adabbii guyyaa laalessaan (guyyaa qiyaamaa) isin irratti sodaadha.”

Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa (dhugaa tahuu kiyya mirkaneessu) Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?

[Isaan] nijedhan “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormiiwwan keenyas baay’essitee jirta. waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi, Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate”.

Sila “ isa of irraa uume” jedhuu?. jedhi “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irratti taha, Ani badii isin hojjattan irraa qulquulluudha”.

Gara Nuuhitti (akkana jechuun) beeksisa godhame: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu; Kanaaf waan isaan kan hojjatan tahanitti hin gaddin.

Doonii laalchota (tika) keenyaafi beeysisa keenyaan hojjadhu. Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin. isaan bishaanin dhidhimfamoodha.” [8]

Innis (Nuuh) doonii tolchutte seene, Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishnitan nutis akkuma isin qishnitan isinitti qishinuuf jirra.

hanga ajajni keenya dhufee, alawaadaa (keessaa bishaan) burqe jenneen “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” (isaan jenne), Isa waliin namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.[9]

Nijedhe ishee yaabbadhaa “Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een. Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha. [10]

Isheen danbalii akka gaarotaa keessa isaanin deemti. Nuuh ilma isaa (ka kafare) niyaame. (doonittii irraa) fagoo ture “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu, Warra kafaran wajjin hin ta’in” jedheen.

(Ilmi isaa) ni jedhe: “Ani gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha (dheeysa).” (Nuuh) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii jalaa (bishaaniin nyaatamuu jalaa) nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee” . Danbaliin gidduu isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e. [11]

Ni jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (rooba kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbii (adabichi) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte (qubatte). Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”

Nuuh Gooftaa isaatti lallabee, nijedhe “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan kee dhugaadha. Ati irra haqa murteessaa abbootii murtiiti”.

(Rabbiin) nijedhe “Yaa Nuuh! inni maatii kee (kan amanan) irraa miti. Inni (nagaafachuun kee) hojii gaarii hin ta’iniidha. waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatin. Ani akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa”.

(Nuuh) nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf araaramtee rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a”.

Nijedhame “Yaa Nuuh nageenyaa Nurraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) gadi bu’i. (Sanyii isaanii irraas) ummata (kafaran) kan yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin laalesaan isaan tuqutu jira”.

Gara Aaditti obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra). Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Gabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiru. Isin kijibdoota malee waa biraa hin taane.

Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa geessiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taane. Sila isin hin xiinxaltanii?

Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. rooba walitti dhaabbataa godhee isinirratti ergaa (isinii roobsa). Humna keessan irratti humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”

Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee waan biraa hin jennu. (Huud) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ isinis ragaa ba’aa.

Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala hunda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.

Yeroo ajajni keenya (kan isaan dhabamsiisuudhaa) dhufe, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafne, adabbii cimaa ta’e irraa nagaa isaan baafne.

Addunyaa tana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.

Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”

(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kenne, yoo ani Isatti dilaaye Rabbiin jalaa eenyutu na tumsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.

Yaa ummata kiyya! Isheen tun gaala Rabbiiti, isiniif (dhugaa dubbachuu kiyyarratti) mallattoodha. Dachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa. (Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”

Ishee ni waraanan, Inni nijedhe “ganda keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aa. Kun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha”.[14]

Yeroma ajajni keenya (isaan dhabamsiisuun) dhufe, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine). Dhugumatti Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.

Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabatee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan.

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiru. Dhagayaa! (rahmata Rabbiirraa) fageenyi Samuudiif haa ta’u.

Dhugumatti ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufte, nijedhan “nagaya (sirratti buufna)” Innis nijedhe “nageenyi (isin irra haa jiraatu)”. Odoo hin turre jibicha waadamaan dhufe. [15]

Yeroma harkoowwan isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu (nyaachuu dhabuu isaanii) argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate, (sodaa isaa arganii) nijedhaniin “Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee”.

Niitiin isaa (saarraan) dhaabattuu taatee nikolfite, Nuti Isihaaqiin (dayuu isiitiin) ishee gammachiifne, Isihaaq boodas Ya’aquubiin.

Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu (ilmoo) dayaa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti kun waan dinqisiisaa dha!”

Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, (waayee) ummata Luux keessatti Nuun (Ergamtoota teenyaan) falamuu eegale.

Ibraahiim obsaa, Rabbitti waywaataa, (gara Rabbii) deebi’aadha.

Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniin dhiphate “Kun guyyaa hamaadha” jedhe. [17]

Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras (baalagummaa) fokkataa (dhiiratti qunnamtii saalaa) kan hojjatan turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun dubara tiyya, (yoo seeraan fuutan) isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa tiyya keessatti nan xiqqeessinaa. Sila isinirraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”

(ummanni isaa) ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, ati waan nuti barbaannu nibeekta.”

Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara roga (lammii) jabduu hirkadhee (keessummoota kiyyarraa isin dhoowwee) (isinin adaba ture).”

(keessummoonni isaa) ni jedhan: “Yaa Luux! nuti ergamtoota (malaaykota) Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi (bahi), Isin irraa tokkollee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. wanti isaan tuqu (azaabni) ishee tuqaadha. Beellamni isaanii (kan azaabni itti buufamu) bariisaadha. Sila bariisaan dhihoo mitii?” [18]

Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee (dachii garaangalchine), Ishee irratti dhagaa dhoqqee gubamaa (biyyee faaraa) irraa tahe wal hordofaa roobsifne.

(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan milikkitteeffamte taatee (ishee roobsine), Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.

Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) nijedhe “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Safaraafi miizaana hin hir’isinaa, Ani toltuuf qananii keessattin isin argaara, ani adabbii guyyaa marsaa ta’eetin isin irratti sodaadha.

waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala;Yoo mu’uminoota taataniif(sanumarratti geessifadhaa), Ani isin irratti eegaa miti.”

Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa), Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhu, Ani hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhu, Haqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taane, Isa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.

Gooftaa keessan araarama kadhaa, Ergasii gara Isaa deebi’aa, Dhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaalataadha.”

nijedhan “Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu, Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina, Odoo gosti tee jiraachuu baattee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna, Ati nurratti jabaa miti”.[19]

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u.[20]

Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessina, Ishee irraa dhaabbataafi haamamaatu (lafarraa dhabamsiifamaatu) jiru.

Guyyaa inni dhufu lubbuun takkallee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.

Isaan hoonga’an ibidda keessatti tahu, Ishee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif tahe. [21]

Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman).

Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennine; isa keessatti wal dhabame (kuun itti amanee kuun itti kafare), Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.

Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhu (diriiri). Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), (dilii dalaguudhaan) Daangaa hin dabrinaa, Inni waan isin dalagdan argaadha.

Gooftaan kee magaalaa tamillee, miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra tolchitoota tahanii jiranuu. [23]

Gooftaan kee odoo fedhee, silaa ilmaan nama hunda ummata tokko (kan haqa qabate) taasisa. (garuu waan san hinfedhiniif) Wal dhaboo ta’uu irraa hin deeman.

Nama Gooftaan kee rahmata godheef malee (waldhabuu irraa hin deman), Kanumaaf isaan uume. Jechi Gooftaa keetii guutamte “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta”.